Waltajjiin marii Nageenyaa Biyyaalessaa 8ffaa magaalaa naga-qabeettii taate Finfinneetti eegalchiisneerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Waltajjiin marii Nageenyaa Biyyaalessaa 8ffaa magaalaa naga-qabeettii taate Finfinneetti eegalchiisneerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- Guraandhala 20/2018

‎Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Ministeera Nageenyaa waliin ta’uun waltajjii marii Nageenya Biyyaalessaa 8ffaa eegalchiisuu Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

‎Kantiibaa Adaanech ergaa isaaniin “waltajjii marii magaalaa fakkeenya nageenyaa taate Finfinneetti eegalchiisneerra” jedhan.

‎Waltajjii marii “Siyaasa Naga-Qabeessa Badhaadhina Biyyaalessaaf” mata duree jedhuun guyyaa lamaaf adeemsifamu kana irratti bulchitootni Naannoleefi magaalota hundumaa, dhaabbileen Federaalaa akkasumas qaamoleen qooda fudhattoota nageenyaa fi tasgabbii akka hirmaachaa jiran ibsameera.

‎Nageenya amansiisaa taasisuu fi waaressuuf uummata abbaa nageenyaa taasisuun murteessaa ta’uu kan ibsan Kantiibaa Adaanech magaalaan Finfinnee gama kanaan muuxannoo bal’aa qabaachuu eeruun kanneen biroofis muuxannoo kan qooddu tahuu dubbataniiru.

‌‎Nageenya amansiisaa waaressuun misooma waaraa milkeessuuf gahee olaanaa qabaachuu kan himan Aadde Adaanech, misooma hunda galeessa mirkaneessuun ammoo deebisuun nageenya waaressa jechuun ibsaniiru.

‎Itoophiyaattis garaa garummaa madda walitti bu’iinsaa ta’e dhiphisuun marii biyyaalessaan furuun, maddeen walitti bu’iinsaa bu’uura irraa gogsuun duudhaalee nageenyaa uummatni qabu gabbisuun hunduu harka wal qabachuun nageenya waaraa fi amansiisaaf waloon mirkaneessuun murteessaa ta’uu ergaa isaaniin ibsaniiru.

‎Qaamoleen hundumtuu Naga Qabeessummaa Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaaf qindoominaan hojjachuufi itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahachuu kan qaban tahuu yaadachiisaniiru.

‎Mootummaan uummataa fi seera qabeessa ta’e kan raggaa’u, filannoon abbeentummaa aangoo uummataa mirkaneessu naga qabeessa, dimookiraatawaa, amanamaa fi hirmaachisaa tahuun yoo xumuramedha kan jedhan Kantiibaa Adaanech, hundumtuu milkaa’ina kanaaf itti gaafatamummaa isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

‎Hirmaattotni waltajjichaa Magaalaa dippiloomaasii fi konfiransii tuurizimii idil Addunyaa akkasumas invastimantii taate Finfinneetti turtiin taasisan bu’a qabeessa akka tahus hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply