Tapha Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Osoo Carraan Hin Bu’in Dursee Fannifame

You are currently viewing Tapha Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Osoo Carraan Hin Bu’in Dursee Fannifame

AMN PLUS – Guraandhala 20/2018

Taphni Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Barri Wal-Dorgommii 2025/26 Kilaboota 36’n Eegalame Amma 16 Qofa Walitti Hambiseera.

Taphni Jaallatamaa Hawaasa Ispoortii Kubbaa Miilaa Idil Addunyaan Xiyyeeffannoo Argatu Kilaboota 16 Walitti Hafaniif Osoo Carraan Hin Bu’in Dursee Maqaan Deemera.

Kilabootni Hedduun Yaadaan Of-Ramadaa Jiru. Waan Hin Oolle Carraan Riyaal Maadrid Abbaan Waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Itti Maanchistar Siitii Waliin Morkatu Bal’aadha.

Maanchistar Siitiin Kilaboota Lama Ispoortiingi Lizbaniifi Riyaal Maadrid Keessaa Tokko Keessummeessuun Waan Hin Oolle Yoo Tahu, Taphataan RM Chohaaminiin Ispoortiingi Lizban Waliin Osoo Ramadamnee Natti Tolaan Fedhii Qabu Ibseera.

Carraan Ba’ee Riyaal Maadrid Maanchistar Siitii Waliin Kan Morkatan Taanaan Gamanumaa Tilmaama Akka Tapha Xumura Waancaatti Ilaalama Jedhu Argateera.

Shaampiyoonotni Waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Bara Darbee PSG’n Barana Du’ee Badee Carraa Argamteetti Fayyadamuun Kilaboota 16 Hafan Keessa Of-Galcheera.

Ammas PSG’n Baarseloonaafi Cheelsii Keessaa Tokko Waliin Taphachuun Waan Hin Oolle Tahee Argameera. Leenjisaan Kilabichaa Luwiis Heenrikeen Cheelsii Waliin Kan Ramadamnu Taanaan Dubbiin Nu Eeggatu Salphaa Miti Jechuun Dhaga’amaniiru.

Arseenaaliifi Baayermuunik Carraa Atalaantaafi Baayerleeverkusan Keessaa Tokko Tokko Waliin Morkachuu Qabu.

Tootinaamiifi Liveerpuul Ammoo Carraa Atileetikoo Maadridiifi Galaatasaraay Argachuu Qabu.

Taphni Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Bara Kanaa Olaantummaa Kilaboota Ingiliz Kan Mul’isee Yoo Tahu 16 Keessaa 6 Kilaboota Pirimeerliigii Ingilaandidha.

Ramaddiin Tapha Mo’atan Darbuu Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Har’a Siwizeerlaandi Niiyonitti Ifooma Jedhameera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply