Humna oomishtummaa Indastiriiwwwanii guddisuuf hudhaalee damicha keessa jiran furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Biiroon Misooma Indastirii magaalaa Finfinnee beeksise.
Biirichi Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee waliin sanada waliigaltee “Qorannoo Bu’a-Qabeessummaa fi Hudhaalee Misooma Indastirii” jedhu waliif mallatteseera.
Kantiibaa Itti Aanaa fi Hoogganaan Biiroo Misooma Indastirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay, “Humna oomishtummaa Indastiriiwwanii dabaluuf,rakkoo faayinansii furuu qofa osoo hin taane, indastiriiwwan oomishaa, qorannoo fi qo’annoon akka deggaramaniif hojjetamaa jira” jedhan.
Dabalataanis “Hudhaalee Damee indastirii keessa jiran qorannoon furuuf dhaabbilee gara garaa waliin qindoominaan hojjechaa jirra, waliigalteen Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee taasifame agarsiistudha” jechuun dubbataniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee Darajjee Ingidaa (PhD) indastiriiwwan oomishaa dorgomaa akka ta’aniif yuunivarsiitiichi kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Sanadni Qorannoo waliif mallatteessan dhugaa irratti hunda’ee karaa qulqullina qabuun yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolee bu’aa qabatamaa akka fiduuf kan hojjetamuu ta’uu Dooktar Darajjeen kaasaaniiru.
Mangashaa Daargeetu Gabaaase