Finfinnee fi Shaggariif gumaachi galtee wal’aansa fayyaa taasifamuu ibsame

You are currently viewing Finfinnee fi Shaggariif gumaachi galtee wal’aansa fayyaa taasifamuu ibsame

AMN PLUS-Amajjii 23/2018

Hospitaalli Kooriyaa Finfinneetti argamu dhaabbata mit-mootummaa Biraayit Vooyis waliin ta’uun qorichoota wal’aansa namaaf oolan Magaalaa Finfinnee fi Shaggariif gumaacheera.

Hoji-Gaggeessaa fi Diinii Kolleejjii Hospitaala Kooriyaa Pirofeesar Soong iJaang Kiimi, galteen wal’aansa fayyaa gumaachame rakkoo dhiheessii qorichaa qofa osoo hintaane dinagdee biyyaafis faayidaa olaanaa akka qabu kan dubbataniiru.

“Hariiroon Kooriyaafi Itoophiyaa waggoota hedduu kan lakkoosise ta’u himanii, walitti dhufeenya kana gama hundaan cimsuu keessatti gargaarsi kun hiika olaanaa qaba” jedhaniiru.

Dabalataanis, jijjiiramoonni hedduun Itoophiyaatti mul’achaa jiraachuus kaasanii; deegersa gama fayyaatiin taasisuu eegalan gara fuuldiraattis cimsanii kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warkinaa gama isaaniin, qorichoonni gumaachaman qorichoota dhibeewwan hin daddabarreef oolan ta’uu kaasuun doolaaraa kuma 135 olitti kan tilmaamaman ta’uus dubbachuu isaanii EPA’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply