AMN PLUS – Amajjii 23/2018
Itti Aanaa Kantiibaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Indastirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay, Finfinnee magaalaa Aadaan Sab-lammootaa keessatti ibsamuu fi fakkeenya waloomaa fi Sab-daneessummaa akka taate ibsan.
Biiroon Aadaa fi Aartii Finfinnee mata duree “Finfinnee Moozaayikii Aadaa fi kalaqaa” jedhuun Feestivaala Aadaa 17ffaa sadarkaa Magaalaatti Amajjii 23 hanga 25 bara 2018tti kabajamurratti Obbo Jaanxiraar Aadaan guddina biyya tokkoof bu’uura ta’uu dubbataniiru.
Hojiiwwan misoomaa magaalichatti hojjetamaa jiran Aadaa, Kalaqa, Og-Aartii fi Ispoortii giddu galeeffatanii akka misoomanii fi beekaman carraa gaarii kan uuman ta’uusaanii eeraniiru.
Guddina damichaaf Magaalittiin xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu ibsuun bakkeewwan shaakala ispoortii hedduun, bakkeewwan bashannanaa guddina damee og-aartii qooda olaanaa qaban ijaaramuusaanii ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo Aadaa fi og-Aartii Finfinnee Hiruut Kaasaaw (PhD) Aadaa, duudhaa fi hambaalee adda addaa Finfinneetti argaman hawwata Tuurizimii akka ta’aniif beeksisuuf tattaaffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kaayyoon feestivaala aadaa sadarkaa Magaalaatti sonawwan aadaa misoomsuu fi beeksisuun sab-daneessuumaa cimsuu akka ta’e illee himaniiru.
Taammiruu Damisseetu gabaase