AMN PLUS- Amajjii 25/2018
Weellistuun Afriikaa Kibbaa Taayilaan Badhaasa Giraamii 68’ffaa Ameerikaa Loos Anjelesitti adeemsifame Waggaa walitti aanu lammaffaaf injifatteetti.
Taayilaa, weellistuun umurii 24 kun sirba ishee “Push 2 Start” jedhamuun badhaasa kanaaf kaadhimamtee kan urte yoo ta’u, weellistoota akka Deevidoofi Burna Boys tilmaamni mo’achuu kennameef irra aanuun, badhaas guddicha muuziqaan kenname injifatte taateetti.
Bara faranjootaa 2024tti sirbi ishee “Water” jedhamu Badhaasa Giraamii argamsiiseefii ture.
Taayilaa weellistoota Afriikaa beekamtii muuziqaa idil addunyaan yeroo dhiyoo fuulduratti dhufan ta’uun dinqisiifannaa guddaa argachaa jirti.
‘Push 2 Start’ sirba miidiyaa hawaasummaa dabalatee filmaatilee miidiyaa garaa garaan fudhatama olaanaa kan argateef yoo ta’u, jaalalaa fi ofitti amanamummaa sirba calaqqisiisu ta’uus ibsameera.
Deevidoo, Burna Boy fi Ayraa Staar Hojii Muuziqaa Afriikaa Filatamaaf kaadhimamanii turan.
Weellistootni hedduun Naayijeeriyaa irraa kaadhimamanii kan turan yoo ta’u, Taayilaan Afriikaa Kibbaa irraa injifachuun sirnichi xumurameera.

Taayilaan injifachuun gamatti hojii muuziqaa keessatti yoo cichanii hojjatan akka milkaa’inni argamu kan ittiin mul’iste ta’uu ibsameera.
Shamarreen Ganna 24 kun Afriikaa Kibbaa Johaanisbarg irraa ka’uun bara 2021tti sadarkaa idil addunyaatti hojiilee muuziqaa ishee dhiyeessuu eegalte.
Hojiilee isheen milkaa’ina galii argatte biratti, sirba ishee “Water” jedhamuun sadarkaa muuziqaa Biilboordii 200 keessaa, kanneen duraa 25 keessa seenuu dandeesseetti.
Badhaasni Giraamii 68’ffaa ammoo indastirii Muuziqaa Afriikaaf hiikkoo guddaa akka qabus hubatameera.
Sababni isaa, Weellisaan Naayijeeriyaa Felaa Anikulaappoo Kuutii, hojiiwwan isaa aadaa Afriikaa ittiin beeksiseen dhiibbaa guddaa uumuun badhaasa muuxannoo umurii guutuu argachuun halkan Giraamii Afriikaaf ifee akka mul’atu taasiseera.
Badhaasa Giraamii galgalaan, Sirba filatamaa Barichaa “Wildflower”n Bilii Ayilish injifatteetti.
Riikoordiin urjii bara 2026 ammoo Kendrick Lamar yoo ta’u, albamiin filatamaa barichaa ‘Bad Bunny’n albama isaa ‘Debí Tirar Más Fotos’ jedhuun injifateera.
Artistiin haaraa cimaa barichaa ammoo Olivia Dean yoo taatu, badhaasotni Giraamii kanneen biroonis artistootni urjii ifanii halkanicha miidhagsuu BBC fi ChannelsTV gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse