Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa Haqa qabeessa ta’uun akka xumuramu gaheen qooda fudhattootaa olaanaadha – Boordicha

You are currently viewing Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa Haqa qabeessa ta’uun akka xumuramu gaheen qooda fudhattootaa olaanaadha – Boordicha

AMN PLUS- Amajjii 25/2018

Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa Walaba, Haqa qabeessaa fi Loogii irraa bilisa ta’uun akka xumuramu gaheen qooda fudhattootaa olaanaa ta’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Walitti Qabduun Boordichaa Meelaatawarq Haayiluu, yeroo filannoon itti taasifamu beeksisuun, Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa milkaa’inaan adeemsisuuf qophiin dursaa taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbileen Hawaasa Siiviilii barumsaa fi leenjii hubannoo filannoo fi filattoottaa kennuuf eyyema isaan dandeessisu fudhachuun hojiitti seenuu beeksisaniiru.

Paartilee siyaasaaf deeggersi hirmaannaa filannoo cimsu kennamaa akka jiru kaasaniiru.

Waltajjiin marii pirezidaantota naannolee, kantiibota magaalaa, hoggantoota paartilee siyaasaa, qaamolee nageenyaa fi bakka bu’oota hawaasa siiviilii hirmaachise adeemsifamaa akka jiru hubatameera.

Kana irrattis, haala qabatamaa naannolee garaa garaa jiru irratti hubannoon akka uumamu ibsuu isaanii ENA’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply