AMN PLUS – 26/2017
Raawwii hojii baatiwwan jahaan darbaniin akka biyyaatti lammiileen miiliyoona 3.4 tti siiqan carraa hojii argachuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.
Dr. Abiyyi gaaffilee miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa dhiyeessan bu’uureffachuun ibsaafi deebii kennaniin bara baajataa kana raawwii hojii walakkaa waggaatiin hanga baatii keessa jirru kanaatti lammiileen hedduun carraa hojii argachuu ibsaniiru.
Seektaroota hojii biyya keessaa hanga biyya alaatti lammiileen biyyatti carraa hojii garaagaraa argachuu kan ibsan Ministirri Muummee, kunis raawwii hojii galmaa’een ba’eessa jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin