AMN PLUS – Amajjii 26/2017
Itoophiyaan bara 2018tti guddina %9.2 karoorfattus raawwii baatiiwwan jahaa yeroo ilaalamu guddina %10.2 galmeessuuf karoorashee fooyyessuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) himan.
Dr. Abiyyi gaaffilee miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan dhiyaataniif deebii kennaa jiru.
Dr. Abiyyi walga’ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa gaggeeffamaa jiruun dinagdee irratti xiyyeeffachuun gaaffilee kaa’aniif ibsaafi deebii kennaniin waggoota muraasaa as mootummaan cabiinsa dinagdee ture suphaa jira jedhan.
Riifoormii damee dinagdeen taasifameen wal-qabsiisuun ibsa kennaniin biyyootni addunyaa hedduun waanuma amma Itoophiyaan itti jirtu kana keessa darbuun guddatan jedhaniiru.

Riifoormiin damee dinagdeen Itoophiyaan hojitti hiikaa jirtu akkasumaan osoo hin taane teeknoloojiin deeggaramuun bu’aa buusaa jiraachuu kan ibsan Dr.Abiy dhaabbilee akka inistituutii hubannoo nam-tolchee addunyaa har’aa keessatti bu’aa guddaa buusaniin qabatamaan wal-baraa jirra jedhaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiy riifoormiin dinadgeen Itoophiyaa daergaggootaafi daa’imman ol-adeemoo abdii egeree biyyaa tahan giddu galeessa taasifachuun qabatamaan hojiitti hiikamaa jira jedhaniiru.
Fooyya’iinsa dinagdee gooroo irratti taasifameen dameen dinagdee Itoophiyaa roga maraan bayyanachaa jiraachuus itti dabaluun kan ibsan Ministirri Muummee Dr.Abiy Ahimad irra caalaan isaa misoomaan qabatamaan waan mul’atu tahuu ibsan.
Itoophiyaan akka Ardiittis tahee akka Addunyaatti mul’ata qabdu daandii ittin milkeessiturra jirti jedhan.
Jijjiirama damee dinadgeen Itoophiyaan galmeessaa jirtu Itoophiyaanota caalaa dhaabbileen Idil Addunyaa tilmaama duraan kaa’aniifi dhugaa qabatamaa hojiin mul’ate wal-bira qabuun fooyya’iinsa dinadgee gooroo irratti taasifame dabalatee jijjiiramni qabatamaan jiraachuu dhugoomaa jiraachuus ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin