AMN PLUS- Guraandhala 02/2018
Qormaanni Biyyaalessa Kutaa 12ffaa bara 2018 guutummaan guutuutti marsariitiidhaan kennuuf qophiin dursaa taasifamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan raawwii hojii damee barnootaa baatiiwwan jahan darbanii qoratame irratti kana ifoomsan.
Waggoota lamaan darban qormaatni waraqaafi marsariitiin kennamaa turuu yaadachiisuun barana garuu dhibbaa dhibbatti marsariitiin kennama jedhaniiru.
Deeggarsi galteewwan garaagaraa naannoleef godhamaa akka jiru kaasanii, buufataalee qormaataatti dhiyeessiin intarneetii gahaan akka jiraatuuf Itiyoo-Telekoom waliin tumsaan ni hojjetama jedhan.
Naannoleen adeemsa kana keessatti rakkooleen mudatan akka hin jiraanneef kompiitaroonni, neetwoorkiifi dhiyeessiin humnaa gahaan akka jiraatuuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Barattootaaf leenjii gahaa kennuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Dhimmichaan walqabatee naannoleefi bulchiinsi magaalotaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisanis gaafachuu odeeffannoo Ministeerichi AMNf erge ni agarsiisa.
Akka biyyaatti qormaata karaa oonlaayinii kennuuf dandeettiin jiraachuu kan ibsan ammoo Ministeerichatti Hojii Raawwachiisaan Barnoota Diijitaalaafi ICT Dooktar Zalaalam Asaffaati.
Qormaatni moodelaa barattoonni ittiin shaakalan gahaan qophaa’uu eeranii, barattoonni dursanii akka shaakalaniifi leenjii argatan gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.