AMN PLUS- Guraandhala 2/2018
Oomishtummaan Indastiriiwwanii akka dabaluufi qorannoo, teekinooloojii fi kalaqaan kan hogganaman akka ta’aniif shoora olaanaa bahachaa akka jiru Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee beeksise.
Oomishtummaan Indastiriiwwanii akka dabaluufi qorannoo, teekinooloojii fi kalaqaan kan hogganaman akka ta’aniif shoora olaanaa bahachaa akka jiru Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee Beeksise
Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee Kora qorannoo Idil-addunyaa Saayinsii, Teekinooloojii fi Kalaqa irratti xiyyeeffate kan guyyoota lamaaf turu gaggeessaa jira.
Perezidaantiin Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee Darajjee Ingidaa (PhD) “Yuunivarsiitichi rakkoowwan Indastiriiwwan qabanii fi gara fulduraatti isaan mudachuu danda’an adda baasuun furmaata qorannoo irratti hundaa’e kennaa jira” jedhan.
Dooktar Darajjeen itti dabaluun, Kora qorannoo Idil-adunyaa Saayinsii,Teekinooloojii fi Kalaqa kana irratti Qorannoowwan qofa osoo hin taane hojiiwwan kalaqaa hojiitti hiikaman, muuxannoon idil-adunyaa fi sadarkaan saayinsii akka addunyaatti irra gahe kan dhiyaatu ibsaniiru.
Qorannoowwan filataman 176 ta’an kora kana irratti akka dhihaatanii fi haasaan keessummoota kabajaa shan akka dhihaatus Dooktar Darajjeen himaniiru.

Erga mootummaan Imaammata diinagdee damdaneessaa hordofuu eegalee fi Indastiriiwwan qorannoo fi teekinooloojiin deeggaramanii hojjachuu jalqabanii as humni oomishaa Indastiriiwwanii % 66.3 gahuu kan himan ammoo Daayreektara Olaanaa Institiyuutii Indastiriiwwan Oomishaa Itoophiyaa Milkeessaa Jaagamaa (PhD) ti.
Dooktar Milkeessaan koricha irratti akka dubbatanitti; “walitti hidhamiinsaa fi qindoomminni dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin taasifamaa jiru guddina indastirii biyya keenyaaf bu’uura cimaa kaa’eera” jedhan.
Kora Qorannoo Idil-adunyaa Saayinsii, Teekinooloojii fi Kalaqaa Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee kan marsaa 10ffaa kana irratti qorattoonni biyya keessaa fi alaa akkasumas bukka buutota Indastiriiwwannii dabalatee qamoleen dhimmi ilaalu irratti hirmaataa jiru.
Bayyanaa Taaddasaatu gabaase