Hospitaalli Galaan akka Baha Afriikaattti kan Jalqabaa jedhame yeroo dhiyootti tajaajilaaf banaa taha – Biiroo Fayyaa Finfinnee

You are currently viewing Hospitaalli Galaan akka Baha Afriikaattti kan Jalqabaa jedhame yeroo dhiyootti tajaajilaaf banaa taha – Biiroo Fayyaa Finfinnee

AMN PLUS – Guraandhala 04/2018

Karoora Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee magaalattii wiirtuu tuurizimii fayyaa taasisuuf qabatee hojjechaa jiru keessaa inni ijoon sadarkaa buufataalee tajaajila fayyaa duraan turan fooyyessuu dabalatee Hospitaalota ulaagaa dhaabbatni fayyaa Addunyaa baase guutan ijaaruun tajaajila barbaadamuuf oolchuudha.

Haaluma kanaan Hospitaalli Galaan karoora qabameen qulqullinaafi saffisaan ijaaramaa jiru yeroo dhiyootti xumuramuun tajaajilaaf banaa akka tahuu Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Ijaarsi Hospitaalichaa sadarkaa maaliirra akka jiru turtii bilbilaan AMN Dijiitaal waliin taasisaniin kan ibsan Hooggantuun Itti Aantuu Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Aadde Hangaatuu Mohaammad karoora qabameen Bulchiinsi Magaalichaa xiyyeeffannoon hordofaa jiraachuu ibsaniiru.

Hospitaalli Galaan wayita xumuramee tajaajilaaf banaa tahu Finfinnee wiirtuu tuurizimii fayyaa taasisuun piroojektoota mirkaneessan keessaa tokko tahuu dubbataniiru.

Hospitaalota gurguddoo sadarkaa isaanii eeggatan Finfinneen gara fuulduraatti qabaattu keessaa tahus kan eeran Aadde Hangaatuun Hospitaalli Galaan akkaataa ijaarsa isaa irraa eegalee akka Baha Afrikaatti giddu gala yaala dhibee tasaa kan jalqabaati jedhaniiru.

Hospitaalichi abbaa darbii 7 yoo tahu siree dhukkubsataan irra ciisee yaalamu lakkoofsaan 500 caalu akka of keessaa qabus ibsaniiru.

Hospitaalichi kutaa tajaajila yaala fayyaa baqaqsan yaaluu 8 kan sadarkaa isaanii eeggataniifi kutaalee tajaajila yaala fayyaa biroo dabalatee iddoo itti boqotanis of-keessaa qabaachuus Hooggantuun Itti Aantuu Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Aadde Hangaatuu Mohaammad turtii bilbilaan AMN Dijiitaal waliin taasisaniin himaniiru.

Kana malees kutaalee 6 qulqullinni isaanii eegame, tokkoon tokkoo kutaalee kanneenii siree 10 kan keessummeessan tajaajila yaala fayyaa cimaaf kan oolan ijaarsa hospitaalichaa keessatti hammatamuun ibsameera.

Hospitaalli Galaan yeroo dhiyootti eebbifama jedhame kun tokkoo tokkoo gamoo isaa irratti manneen kuusaa qorichaafi kutaalee saamuda itti adda baasan qabas jedhameera.

Hospitaalli Galaan gara fuulduraa tajaajila yaala fayyaa kennuun Finfinnee irra darbee tajaajilamtoota iddoowwan garaagaraa irraa yaala fayyaa hatattamaa argachuuf dhufaniif tajaajila sadarkaa isaa eeggate kennuun adeemsa Finfinnee wiirtuu turizimii fayyaa taasisuu ol-kaasuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatus Hooggantuun Itti Aantuu Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Aadde Hangaatuu Mohaammad AMN Dijiitaalitti himaniiru.

Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaalliittiitti kan argamu Hospitaalli Galaan ijaarsi isaa xumuramaa jiraachuun himameera.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply