AMN PLUS – Guraandhala 07/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Yaa’ii Hooggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti haasawaa taasisaniin Itoophiyaan jijjiirama hundagaleessa irratti akka argamtu ibsan.
Addunyaan keessa jirru Addunyaa qofaa guddachuuf yaaluu osoo hin taane Addunyaa waloon guddachuuf tattaafatu ta’uu akka qabu ibsaniiru.
Itoophiyaan daandii jijjiiramaarra jiraachuu kan ibsan Ministirri Muummee haala amma jiruun bara baajataa kana guddina 10.2% galmeessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuus hirmaattota Yaa’ichaaf eeraniiru.
Guddinni Itoophiyaa biyyoota Ardii Afrikaaf akkasumas Addunyaaf bu’aa malee miidhaa akka hin qabne kaasan.
Waa’ee teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Finfinnees keessummoota yaa’ichaaf kan ibsan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) misooma koriidariifi qarqara laggeeniin Finfinneen milkoofteettii jedhaniiru.
Magaalattiin mana hunda keenyaa waan taateef waloon itti haa fayyadamnu, waloon haa guddannu jedhan.
Addunyaan keessa jirru Addunyaa qofaa guddachuu osoo hin taane kan waloon harka wal qabachuun gara fuulduraatti tarkaanfachuuti jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin