AMN PLUS-Guraandhala 7/2018
Ministirri Muummee Itaalii Joorjiyaa Meeloonii, Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaa irratti hirmaachuun ergaa dabarsaniin egereen Itaalii Afriikaa nagaan ishee mirknaa’ee fi badhaate irratti akka hundaa’u ibsan.
Marii Gamtaa Afriikaa kanaan kallattiin tarsiimoo gara fuulduraa fi murtoowwan siyaasaa Afriikaa fayyadamaa taasisan akka bahan kan abdatan
Biyyi isaanii Itaaliin yaa’icharratti affeeramuun hirmaachuu isheetti gammaduu ibsaniiru.
Afriikaan michuu amanamtuu Itaalii ta’uu kan yaadachiisan Meeloniin, Itaaliin gara fuulduraattis Afriikaa wajjin hojjachuu kan itti fuftu tahuu mirkaneessaniiru.
“Qindoomina jechuun, isa tokko asii gadi ilaaluu (tuffachuu), qabeenya isaa duraa fudhachuu gargaaruus miti” kan jedhan Meeloniin, waliin qindaa’anii hojjachuu akka ta’e ibsan.
Isaaf ammoo Yaa’iin Afriikaa Itaalii 2ffaa yeroo jalqabaaf Afriikaa keessatti adeemsifame agarsiistuu guddaa ta’uu kaasan.
Yaa’iin kun akka fiixa bahuuf gumaacha olaanaa taasisaniif Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) fi anga’oota Gamtaa Afriikaa nan galateeffadha kan jedhan Meeloniin, waan waliin hojjachuu dandeenyu irratti waliin mari’anneerra jedhan.
Itaaliin Ajandaa Gamtaan Afriikaa Bara 2063tti Naannawa Daldala Bilisaa mirkaneessuun Afriikaa badhaate uumuun walitti hidhamiinsa Afriikaa waaressuuf hojjatu akka deggertus ibsaniiru.
Yaa’ii Gamtaa Afriikaa kana irraa waan haaraa addunyaa ajaa’ibsiisu argamuu qaba kan jedhan Meelooniin, Itaaliin dhimmoota tarsiimawaa garaa garaa irratti Gamtaa Afriikaa wajjin hojjachuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin