Itoophiyaan karra Galaana karaa nagaan ni mirkaneeffatti- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Itoophiyaan karra Galaana karaa nagaan ni mirkaneeffatti- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Guraandhala 07/2018

Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaa Finfinneetti adeemsifamaa jiru irratti, biyya akka Itoophiyaaf addunyaa biraa waliin karaan ittiin wal quunnaman jiraachuun murteessaa tahu Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad himan.

Itoophiyaan Ulaa Galaanaa gama nagaan argachuuf carraaqqii eegalte kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.

Biyyi Uummata Miliyoona 130 ol qabdu diinagdeen guddachuuf carraawwan danuu akka ishee barbaachisu yaa’ii kana irratti kan kaasan Dooktar Abiyyi, galaanaaf ulaa mijeessuuf qindoominni murteessaa akka ta’e illee hubachiisaniiru.

Dabalataanis, Itoophiyaan karra galaanaa argachuun ishee guddina biyyattii irra darbee badhaadhinaafi misooma Gaanfa Afriikaa akkasumas nagaafi tasgabbii mirkaneessuuf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa, haalaa addunyaa tilmaamuuf rakkisaa ta’e kana keessatti biyyootni Afriikaa tokkummaafi wal amantaan tarkaanfachuu akka qaban akkasuma yaadachiisaniiru.

Afriikaan birmadummaa seenessa waloo Afriikaanummaa irratti hundaa’e gonfachuun sagalee Afriikaa addunyaatti dhageessisuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Guddinni seenessa Afriikaa hin qabne galma hin ga’u kan jedhan Dooktar Abiyyi, Afriikaan gama nageenyaafi furmaata tahuun addunyaa jijjiiramaa jiru keessatti akka gumaacha ishee bahatttus akkasuma waamicha dhiyeessaniiru.

Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 39ffaa Finfinneetti adeemsifamaa jira.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply