AMN PLUS – Guraandhala 11/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Godina Qeellam Wallaggaatti Pirojektii Misooma jallisii Qeexoo tajaajila eegalchiisaniiru.
Dooktar Abiyyi miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Aanaalee Sadii Canqaa fi Hawwaa Galaaniif jijjiirama hiika qabu fidaafi kan jiru Pirojeektii bu’uuraalee misooma Jallisii Qeexoo daawwachuuf carraa argadheera” jedhan.
Pirojeektichi hojii qonnaaf dhiyeessii bishaanii addaan hin cinne akkaataa mirkaneesseen qabeenya uumamaa fi teessumma naannawichatti sirnaan fayyadamuuf yaadame hojiirra ooluu dubbataniiru.
Hojii misooma jallisii kallattiin faayidaarra oolchuun lafti qotameefi misoome hawaasichaaf faayidaa olaanaa argamsiisuu eegaluun kan jajjabeeffamuudha jedhan.
Bu’uuraaleen misooma daandii wajjiin ijaarames waliingahiinsa gabaa bal’iseera, sochii guyyaa guyyaa jiraattotaas salphiseera jechuun ibsaniiru.
Naannawichi dandeettii qonnaa bal’aa qabaachuu isaan, oomishaalee akka Ruuzii, Muuzii, Paappayaa fi Burtukaana deeggaruun hojiin jallisii fi bu’uuraalee misoomaa qonna Baadiyyaa guddisuu akka danda’an kaasaniiru.