Hudhaalee Indaastiriiwwan Mudatan Furuun Mul’ata Itoophiyaan Haa Oomishtuu Galmaan Gahaa Jira – Obbo Jaanxiraar Abbaay

You are currently viewing Hudhaalee Indaastiriiwwan Mudatan Furuun Mul’ata Itoophiyaan Haa Oomishtuu Galmaan Gahaa Jira – Obbo Jaanxiraar Abbaay

AMN PLUS – Guraandhala 16/2018‎

Hudhaalee Indaastiriiwwan Mudatan Furuun Mul’ata Itoophiyaan Haa Oomishtuu Galmaan Gahuuf Qindoominni Qaamolee Dhimmi Ilaaluufi Indaastiriiwwan Oomishaa Murteessaa Tahuu Kantiibaa Itti Aanaafi Hoogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay Ibsan.

Biiroon Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Giddu Gala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti Marii mata-duree Isaa “Itoophiyaan Haa Oomishtu Finfinneen Haa Badhaatu” Jedhun Gaggeessera.

Kantiibaa Itti Aanaa fi Hoogganaa Biiroo Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay Maricharratti Argamuun Ergaa Dabarsaniin Walitti Hidhamiinsa Gabaa Uumuu, Kaappitaala Ka’umsaa Mijeessuu, Dhimmoota Gumuruukaan Walqabatan Furuu, Bakka Oomishaa Mijeessuufi Indaanstiriin Oomishaa Humna Nama Barateefi Teeknooloojiin Akka Deeggarumuuf Hojjetamaa Turuu Ibsaniiru.

“Kallattii Mootummaan Kaa’e Irratti Mari’annee Hubannoo Wal-Fakkaataa Qabaachuun Rakkoowwan Gama Indastariiwwaniin Jiraniif Furmaata Waloo Kaa’uf Indaastiriiwwan Oomishaa Tumsuu Akka Qabanis Obbo Jaanxiraar Abbaay Waamicha Dhiheessaniiru.

Bakka Bu’ootni Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Finfinnee, Baankii Misoomaa Itoophiyaa, Bulchiinsaafi Misooma Lafaa Magaalaa Finfinnee, Mana Maree Waldaalee Seektaraa Magaalaa Finfinnee, Komiishinii Gumuruukaa Itoophiyaafi Qaamoleen Dhimmi Ilaalu Biroon Gaaffiiwwaniifi Yaadota Oomishtoota Biraa Ka’an Irratti Ibsaafi Deebii Kennaniiru.

Baazaariifi Egziibiishiniin Itoophiyaan Haa Oomishtuu Akka Magaalaa Finfinneetti Marsaa 5ffaan Guraandhala 14/2018 Kantiibaa Adaanech Abeebeen Kan Banamee Yoo Ta’u, Hanga Guraandhala 21/2018 Kan Itti Fufu Taa’aa Jedhameera.

Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply