AMN PLUS- Bitootessa 07/2018
Pool Toomaas Andarsan daayirektarummaan komeediin hojjate “One Battle After Another” jedhuun Badhaasa Akkaadaamii Oskaar 98ffaa 13’f kaadhimamee, 6 injifachuun hirmaattota sagantaa kanaa ajaa’ibsiisuun, waarii Oskaarii addaa ta’uun halkanicha miidhagseera.
Ogeessi fiilmii kun Suura filatamaa, Daayirektara filatamaa, barruu fiilmii filatamaa, taatoo gargaaraa filatamaa, gulaallii fiilmii filatamaa fi filmaata taatoo filatamaan badhaasa Oskaarii argateera.
Hojiin fiilmii “Sinners” jedhamu ammoo badhaasa Oskaarii 4 argachuun sadarkaa 2ffaa yoo qabatu, gosoota badhaasaa 16f kaadhimamee ture.
Fiilmiiwwan lamaan jidduutti morkiin tures hordoftoota miliyoonaan lakkaa’aman biratti miira addaa uumeera.
Mikaa’el Joordaan taatoo filatamaa, Daayirektarrii fiilmichaa Rayaan Kuugilar ammo barruu fiilmii jalqabaan badhaasa Akkaadaamii Oskaar kana qooddataniiru.

Gama taatummaan Jeesii Bakileey, fiilmii “Hamlet” jedhamuun badhaasa Oskaarii kan jalqabaa ishee argatteetti.
Eemii Maadigaan ammoo taatoo gargaartuu filatamtuu ta’uun badhaasa Akkaadaamii Oskaar Bara 2026 irraa qooddatteetti.
Muuziqeessaan Kooriyaa Kibbaa Kipooppi Deemoon Hanters Oskaarii lama yoo mo’attu, hojiin fiilmii Firaankistiin illee akkasuma badhaasa Oskaarii 2 argateera.
Gama biraan, haala hin baratamneen damee kalaqaafi aartii kana irratti dhimmi hubannoo nam-tolchee (AI) ka’eera.
Keessumaa kiliippiin viidiyoo torban akkaadaamii Oskaarii kanatti taatota bebbeekamoo indastirii fiilmii Hooliiwuud, Biraadi Piitiifi Toom Kiruus, fiimii Jeemsi Boondi irratti haalli ittiin baaxii gamoo irratti osoo wal reebanii mul’atan, AI’n hojjatame xiyyeeffannoo heddummootaa harkiseera.
Kiliippii kaampaanii Chaayinaa Baayitdaansi jedhamu kanaan qophaa’e irratti mariin yoo gaggeeffamu, hagam illee AI’n fayyadullee akka hojii Hooliiwuud irratti yaaddoo hin uumneef egeree indastirii kanaaf eeggannoon taasifamuu akka qabu taatotni akka Koonaan OoBireen kaasaniiru.
Dhuma irrattis addunyaan nagaa akka taatuuf tokkummaan barbaachisaa ta’uu yaadachiifamuu Al-jazeera fi BBC’n gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e