AMN PLUS- Onkoloolessa 29/2018
Hojiileen misoomaa magaalaa Finfinnee uummata hirmaachisuun hojjataman bu’a qabeessa akka ta’an Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Milkaa’inootni argaman Finfinneen Afrikaa irratti akka eeramtu kan ishee taasise ta’uu Kantiibaa Adaanach Hoggantoota Paartii Badhaadhinaa kutaalee biyyattiirraa Finfinnee daawwataniif himaniiru.
Dhiyeessii manaafi misooma manneenii irratti dameelee dhuunfaa hirmaachisuun hojii hojjatameen dhiyeessii dabaluun akka danda’ame kaasan.
Namootni humna hin qabne hedduun carraa manaa kanatti akka fayyadaman kan himan Kantiibaa Adaanech, manneen barnootaa keessattis sagantaa soorata barattootaan milkaa’inni argamuu ibsaniiru.
Giddu galootni ispoortii daa’immaniifi dargaggoota irratti fuuleffatanii ijaaraman tajaajilaaf banaa ta’uu eeruun, qajeeltoowwan kalaquufi saffisaa hordofuun tumsi taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Leenjiin anga’oota Paartii Badhaadhinaa Olaanoo Bara 2018 dhimmoota gahumsa miseensota isaa ijaaran garaa garaa irratti kennamuun isaa ni yaadatama.
Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee, daawwannaa anaga’ootni kunneen leenjii booda magaalaa Finfinnee keessatti hojiilee misoomaa hojjataman wayita daawwatanitti kana ibsuu isaanii odeeffannoon Waajjirri Kantiibaa nuuf erge ni mul’isa.