Nageenya waaraa fiduuf olaantummaa seeraa mirkaneessuuf Uummataa fi qooda fudhattoota waliin hojjachuun akka barbaachisaa ta’e Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Saamicha magaalaa keessatti raawwatamu ittisuuf qaamolee nageenyaafi ummata waliin qindoominaan hojjachuun barbaachisa akka ta’e Hogganaan Itti Aanaa Biiroo kanaa Obbo Fissahaa Xibabuu ibsaniiru
Manneen barnootaa fi manneen amantaa dawoo godhachuun miidiyaa hawaasatti dhimma bahuun nagaa fi tasgabbii Magaalichaa kanneen jeeqan irratti tarkaanfiin akka fudhatamus kaasaniiru.

“Daldala keessatti burjaajjii uumuun kanneen uummata saamaa jiranii fi uffata dambii qaamolee nageenyaa uffachuun saamicha irratti warra bobba’an heeruu uummataa fi hordoffii taasisuun seeraaf dhiheessuun cimee itti fufuu qabas” jedhaniiru.
Nageenya mirkaneessuuf hawaasa wajjin qindoomuun guyyaatti dabaree sadiin akka hojjachaa jiran Obbo Fissahaan dubbataniiru.
Bara kana jalqaba irraa kaasee Ayyaanota Uummataa kabajuu fi waltajjiiwwan idil-adunyaa Finfinneetti adeemsifamaa turan milkaa’inaan akka xumuramaniif gumaacha taasisaniif qaamolee nageenyaa galateeffataniiru.
Bayyanaa Taaddasaatu gabaase