Naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaa Godina Guraagee Aanaa Masqaan keessatti soorata summaa’e nyaachuun miseeensota maatii tokkoo namoota 8 keessaa 7 lubbuun darbuu Poolisiin Naannichaa beeksise.
Aanaa Masqaan Ganda Masarata Wagaraam jedhamu keessatti Sadaasa 6 Bara 2018 galgala sa’aatii 1:00’tti miseensotni maatii kunneen irbaata erga nyaatanii booda dhibuun, deggersa hawaasa naannoon gara hospitaalaa geeffamuu ibsi poolisii ni agarsiisa.
Galgaluma sana miseensota maatii kana keessaa lubbuun obboloota 3 yeroo darbu, guyyaa itti aanu Sadaasa 7, lubbuun obboloota durbaa lamaafi dhiiraa tokko, guyyaa 2 booda Sadaasa 10 ammo lubbuun abbaafi daa’ima wagga lama hin guutnee darbeera.
Maatii isaanii irra waan gahe osoo hin beekin gara Finfinnee, Hospitaala Minilikitti kan yaalii fooyya’aaf ergaman haati ijoollee 6fi abbaa warraa isaanii dhaban Aadde Daammanach Dambal, Kutaa yaaliin cimaa itti taasifamu keessatti lubbuu isaanii oolchuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsameera.
Poolisiin sababaa du’a maatii kanaa ta’uu hin oolle jedhame kana adda baasuuf garee qorannoo tokko hundeessuun, namoota 10 dhimma Kanaan wal qabatu jedhee shakke to’achuun qorachaa jiraachuu beeksiseera.