Finfinnee Giddu Gala Tuurizimii Fayyaa taasisuuf hojiin eegalame baasii biyya alaa hambisa- Biiroo Fayyaa

You are currently viewing Finfinnee Giddu Gala Tuurizimii Fayyaa taasisuuf hojiin eegalame baasii biyya alaa hambisa- Biiroo Fayyaa

‎AMN PLUS- Sadaasa 11/2018

‎Magaalaa Finfinnee Giddu Gala Tuurizimii Fayyaa taasisuuf hojiin eegalame yaalii fooyya’aaf biyya alaatti dhibamtoota erguu waan hambisuuf baasii biyya alaa akka hambisu Hoggantuu Itti Aantuun Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Aadde Angaatuu Mohaammad ibsan.

‎Magaalaan Finfinnee hospitaalota 7fi buufataalee fayyaa 96, waliigalatti dhaabbilee fayyaa 103 akka qabdu kaasuun tajaajilli fayyaa si’ataafi qulqullina qabu kennamaa akka jiru ibsaniiru.

‎Dhaabbileen fayyaa Magaalaa Finfinnee baay’een isaanii umurii dheeraa qabaachuu kan ibsan Aadde Angaatuun, erga mootummaan jijjiiramaa dhufee booda akka tajaajila hawaasaaf mijataa ta’anitti haaromfamuufi tajaajila fayyaa waliin gahuunis akka danda’ame kaasaniiru.

‎Bu’uuralee misoomaa fayyaaf barbaachisan kanneen akka humna namaa, meeshaalee yaala fayyaa, qorichoota, akkasumas humna ibsaa, bishaaniifi biroo guutamuun itti dhiyeenyan hawaasa tajaajilaa akka jiran ibsaniiru.

‎Waliin gahiinsa tajaajila fayyaa hawaasaa mirkaneessuuf inshuraansiin fayyaa hawaasaa murteessaa akka ta’e kan himan Aadde Hangaatuun, akka Magaalaa Finfinneetti “hawaasa miliyoona 1.5 olitu inshuraansii fayyaa hawaasaa kanaan hammatamee jira” jedhaniiru.

‎Tajaajila fayyaa qulqulluufi si’ataa ta’e kennuuf hospitaalota hunda keessatti itti fayyadamni teeknooloojii hojirra oolaa akka jirus dubbataniiru.

‎Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti tajaajila tuurizimii fayyaa eegalameen dhibeewwan baay’eedhaaf biyya alaatti riifarii barreeffamu xiqqeessuu irra darbee biyya alaatti illee dhufanii akka yaalamaniif haala akka mijeesse Aadde Angaatuun ibsaniiru.

‎Keessattuu hospitaalotatti ogeessota fayyaa, meeshaalee yaala ammayya’aafi teeknooloojii fayyadamuun dhibeewwan baay’ee yaaluun akka danda’ames dubbataniiru.

‎Tajaajila turiizimii fayyaa kanaan dhaabbileen fayyaa haaromsamuufi babal’ifamuun kan durii caalaa tajaajila fayyaa gahaa ta’e hawaasaaf kennaa akka jiranis ibsameera.

‎Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply