Gabaan kaappitaalaa Itoophiyaa sirna faayinaansii biyyattii sirreessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ibsan.
Yaa’iin gabaa kaappitaalaa naannichaa 2ffaan Magaalaa Finfinnee Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti adeemsifamaa Jira.
Itoophiyaan riifoormii diinagdee goorootiin bu’aa qabatamaa damee hundaan galmeessaa akka jirtu Obbo Ahimad Shidee dubbataniiru.
Riifoormii diinagdee gooroo hordofuun waggoota muraasa darban keessatti galiin biyya keessaa haalaan dabaluu kan ibsan Obbo Ahimad, riifoormichi guutummaatti hojiirra yoo oole guddina hunda hammate mirkaneessuuf kallatti qabachuu isaas ibsaniiru.
Obbo Ahimad, “Itoophiyaatti haala faayinaansii amanamaa, dhugaa fi mijataa uumuun dhaabbilee gidduutti tumsi cimaan akka uumamu taasisuun barbaachisaadha” jedhaniiru.
Dabalataan, damee faayinaansii Itoophiyaa guddisuu fi dhaabbilee faayinaansii addunyaa waliin wal simsiisuuf sirni gabaa kaappitaalaa sirnaan qindaa’uu akka qabu himaniiru.
Haalli kun ammoo carraa invastimantii biyya alaa hawwachuu fi invastaroota kan amansiisu ta’uu ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.