Bakka nuuf malu keessaa qooda dhabne- Karrayyuu

You are currently viewing Bakka nuuf malu keessaa qooda dhabne- Karrayyuu

‎AMN PLUS- Sadaasa 24/2018

‎Bakka  maluuf keessaa qooda dhabanii Gadaan isaanii xiyyeeffannoo dhabuu Roobaa Jiloo Luba Gadaa Dullachaa Karrayyuu AMN PLUS Roga Dubbiitti himan.

‎”Gadaan isaa akkuma Gadaa Oromoo biraa bakka argachuun wal nuuf qixxaatu barbaanna” jedhan. Giddugala Aadaa Oromoo keessaalee Abbaan Gadaa Karrayyuu Waajjira akka hin qabne eeruun.

‎”Karayyuun daangaa hin cabsu, Laga hin cabsu, nama hin miidhu” kan jedhan Roobaa Jiloo, wal- dhabdee mudatus iccitiidhaan Gadaa keessatti ilaalee akka furu dubbataniiru.

‎Karrayyuu keessatti Sirni Gadaa laafee akka hin beekne kaasuun, seenaa keessattis maqaa lafaatiin moggaasni namaa kan walitti dhufu Karrayyuu qofa keessatti ta’uu ibsaniiru.

‎”Maqaa lafaa, mukaa, Gadaa, maqaa keenyaan walitti hirkifnee daba nutti dhufu ittiin ofii fi biyya keenya falmina ” jedhan.

‎”Gadaan bakka tokko tokkotti huuqqatee jira” kan jedhan Roobaa Jiloo, uummatni Oromoo, “Dabballee irraa kaasee guutummaa guutuutti tartiiba Gadaa bakkatti deebisuu qaba” jechuun dubbataniiru.

‎”Gadaan ilmoo rabbiiti, dhugaadha” jedhanii,  Oromoon hundi kan wallaalee irraa alatti harkifatus ta’e, kan beekee itti siqes Gadaa gabbisuu qaba” jedhani

‎Akkuma “waan argan nyaatu malee waan argan hin dubbatan” jedhamu Karrayyuun iccitii walii qabatu jedhani Fantaallee Hawaas  Raaba Gadaa Baasoo Karrayyuu.

‎Seenaa keessatti maqaan sanyii maatii ofii akka hin banneef maqaan waliin naanna’a, maquma akaakkayuutiin ilmi akka moggaafamu himaniiru.

‎”Maqaa ilma angafaa akaakayyuu Karaa  abbaatti akka moggaasan himanii, maqaa mucaa lammaffaa amma akaakayyuu Karaa haadhaatti moggaasu” jedhan Fantaallee Hawaas  Raaba Gadaa Baasoo Karrayyuu.

‎”Gadaa jechuun nagaadha, sirni keessatti raawwatamus karaa nagaan ta’a” jechuun, bara kanas sirna buttaa qaluuf Godaanuuf akka jiran himaniiru.

‎Baatii 4 ffaa keessa godaansa warra baasuuf qophii irra akka jiran ibsaniiru.

‎Sirna sana keessatti namootni hirmaachuu qaban aadaadhumaan adda kan baafaman ta’uu kaasanii, namoota gumaata gara godaansaatti geessaniifis uffannaan kan kennamuuf ta’uu kaasaniiru .

‎Gadaan Diimookiraasii, akkuma cidhaatti eebbaafi gamnachuudhaan aangoon dabarfamee wal  harkaa sina itti fuudhamu ta’uu dubbatanii.

‎Guyyaa godaansa Gadaa isaanii kanattis mootummaanis ta’e, uummatni Oromoo biyya keessaafi alaa tumsa adda addaa akka taasisuuf turtii AMN PLUS Qophii Roga Dubbii waliin taasisaniin waamicha dhiyeessaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply