Hoggantoonni Itoophiyaa sektaraalee adda addaa irratti hojjettan Badhaasa Barruu Hoggansa Afrikaa (Africa Leadership Magazine Award) injifachuun isaanii ibsame.
Badhaasni Barruu Hoggansa Afrikaa hoggantoota afur badhaasaaf kan kaadhimee ture. Isaanis, damee qonnaatiin Girmaa Amantee (PhD), damee Fayyaa irraa Dooktar Maqidas Dhaabaa, damee tajaajila uummatarraa Dabalee Qabataafi tajaajila tola ooltummaatiin Saamu’el Taaffasaa badhaasa kanaaf kaadhimamanii turan.

Kaadhimamtoota keessaa hoggantoonni Itoophiyaa sadii badhaasicha kan injifatan Yoo ta’u Girmaa Amantee (PhD) kalaqa qonnaan, hojii uumuun akkasumas misooma qonnaa ardii Afrikaa keessatti babal’isuun hogganaa cimaa ta’uun filatamaniiru.
Dooktar Girmaa Amantee hogganaa misooma qonnaa cimaa ta’uun Badhaasa bara 2025 injifateera.
Komishinar Dabalee Qabataa fi Saamu’el Taaffasaa damee isaaniin “Badhaasa Barruu Hoggansa Afrikaa” bara 2025 injifachuu danda’aniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e