Ministirri Tajaajila Kominkeeshinii Mootummaa Aadde Innaatalam Mallas, miidiyaaleen Afriikaa odeeffannoo kennuu qofa osoo hin taanee, seenaa dhugaa Afrikaa Addunyaatti himuu qabuu jedhan.
Badhaasni miidiyaa Afrikaa gaazexeessitoota biyyoota Afriikaa 40 irraa hirmaachise Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Badhaasichi gaazexeessitoota oduu cimaa qopheessan, dokumentarii gaarii hojjatan, af-gaafii gaarii hojjatan, miidiyaa hawaasaafi kanneen biroo irratti hojii fakkeenyummaa qaban hojjatan badhaaseera.

Kadhimamtootni miidiyaa 21 xumuraaf kan dhaqqaban yoota’uu, hojiilee miiidyaa gosa adda addaarratti kan wal dorgoman akka ta’e himameera.
Biyyoota Afrikaa 40 irraa ragaaleen miidiyaa 800 walitti qabamuun gulaallii xumuraaf dhaqqabuun himameera.
Aadde Innaataalem waltajjicha irratti ergaa dabarsan, seeneffama badaa Afriikaa kan haquu danda’u miidiyaa Afriikaati jedhaniiru.
Badhaasa kanaan gaazexeessaan AMN Afwarq Wubatuu damee “African Life Style” jedhuun kaadhimamtoota sadii keessa seeneera.
Beeteeliheem Ayyenewutu gabaase