Bakka bu’aan Faannoo Kaapteen Maasrashaa Saxxee humnoota Itoophiyaa bittinneessuu barbaadan waliin hojjechuun diigumsa akka ta’e dubbate.
Mootummaan naannoo Amaaraafi Gareen Faannoo Waliigaltee nagaa mallatteessaniru.
Waliigalticha Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaafi Bakka Bu’aan Faannoo Masirashaa Saxxee mallatteessuun ibsa waloo kennaniiru.
Hariiroon humnoota alagaafi yaada fottoqu leellisan waliin taasifamu diigumsa malee dhimma ummataa miti jedheera.
Seenaan waraanaan jalqabee waraanaan xumurame akka hin jirre eeruun kana booda ummanni lola obsuu akka hin dandeenye ibseera.
Dirribaa Yaadataatu gabaase