Giddugalli Biqiltuu Gullallee teessuma lafaa tabbaaf dachaa miidhagaa, bosonaan haguugameen Gaara Inxooxxoorratti hirkatee argama.
Lafa hektaara 705 ol, mukkeen Mandhaaleen haguugamr, burqituu bishaanii achiis asiis mul’atan, kattaa dhaabbataa, bineensota bosonaa garagaraas kan haammatedha.
Baha biiftuufi lixa biiftuu daawwachuuf bakka filatamaa yoo ta’u, warreen halkan bultiif filataniif miidhagina Finfinnee sirriitti bakka arguu danda’an gaara olka’aas qaba.

Waca magaalaa dheessanii warreen boqachuu barbaadaniif iddoo qixa sirriitti argamtuudha.
Wiirtuu kunuunsa ikoo-turiizimii, barnootaa fi qorannoo adda addaa ta’uus danda’eera.
Kana malees dachee bineensota bosonaa hedduudhaaf mana jireenyaa ta’eera.
Giddugalichi guyyootii boqonnaa boriifi iftaan (Sambataafi Dilbata) jiraattotni seenanii bilisaan akka daawwataniif sagantaa addaa qopheesseera.
Agarsiisa hojiilee harkaa, dorgommii biskileetii, ispoortii hawaasaa, sarkasii, waarii aartii, deemsa miillaafi taateewwan bashannansiisoo hedduun qophaa’eera.
Tagany Bafiqaaduutiin