Yuunivarsitiin Naannoo Oromiyaa cabiinsa gama barnootaan ture furuun imaanaa Jeneraal Taaddasaa Birruu kennatan galmaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu Pirezidaantiin Yunivarsitichaa Garramuu Hulluuqaa (PhD) himan.
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa kabaja hundeeffama waggaa 30ffaa isaa sirnoota garagaraan kabajaa jira.
Har’a guyyaa 3ffaa isaan ‘Siimpoozoyemii geggeessuun Waldaa Barattoota Yuunivarsitichaa Duraanii (Alumni Association) hundeesseera.
Yuunivarsitichi maqaa Oromiyaa qabatee biyya ga’oomsaa akka jiru kan dubbatan Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Garramuu Hulluuqaa (PhD), bara 1988 hojjetoota 19 of jalatti qabatee institiyuutii leenjii irraa bara 2009 gara yuunivarsiitii guutuu ta’uun guddachuu yaadachiisan.
Yuunivarsiitichi hojii barnoota, qorannoo fi qo’annoo, riiformii fi tajaajila hawaasummaa irratti hojjechaa imala milkiirratti akka argamu himaniiru.
Umrii gabaabaa kana keessatti Oromiyaa harra jirtu ijaaruu keessatti humna nama baratee oomishuun gumaacha guddaa taasisuu eeruun, akka Addunyaatti hariiroo isaa cimsatee dorgomaa ta’uu irratti argama jedhan.
Saganticha irratti kan argaman I/A Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa, Obbo Eliyaas Uummataa ergaa dabarsaniin, YNO dhiibbaa gurguddaa injifatee kan as ga’e ta’uu kaasanii, beekumsa baasuu qofa osoo hin taane bu’aa qabatamaadhaan biyya irratti mul’achaa jira jedhan.
Caffeen Oromiyaa uummata Miiliyoina 60 ol bakka bu’u, Yunivarsitiicharraa fayyadameera jechuun, rakkoo qulqullina barnootaa ture furuun guddina biyya keenyaa mirkaneessaa jira jedhaniiru.
Daraartuu Tarreessaatu gabaase.