Maatiin hoggantoota biyyoota Afrikaa sochii Paan Afriikaa keessatti shoora bahataniin beekamanii, Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa daawwataniiru.
Ministir Deetaan Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa obbo Tesfaahun Gobezaayi daawwattoota kanaaf ibsa kennaniiru.
Daawwattoota kana keessaa miseensonni maatii hoggantoota Paan Afrikaa duraanii kanneen akka Neelsan Maandeellaa, Kuwaamee Niikruumaa, Juuliyeess Neereree, fi Koloneel Muammar Gaadaafi argamaniiru.