Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Itoophiyaan dukkana keessaa ifatti ba’uu himan.
Dooktar Abiyyi kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaa irratti argamuun tokko taaneefi waloomnee jabaannee dhaabbachuun faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuun galaa keenya ta’uu qaba” jedhan.
Hambaaleen naannolee garaa garaa keessatti argaman hunduu miidhagina saboota, sablammootaafi uummattoota hundumaa ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) “tokko ol jedhee kaan gadi jedhee osoon taane, hunduu wal qixa ta’ee, Itoophiyaa badhaate dhalootatti dabarsuun barbaachisaadha” jechuunis dubbataniiru.

Injifannoo abbootiin galmeessisan, badhaadhina mirkaneessuun akka barbaachisu eeruun, “hojiileen dameewwan qonnaa, tuurizimii, teekinooloojiifi kanneen biroon hojjatamaa jiran, jalqabbii badhaadhinaa gaariirra akka jirru agarsiisa” jedhaniiru.
Gargaaramtummaa keessaa bahuun gama hundaan birmadummaa biyyaa mirkaneessuu eegalamuu kan kaasuun, badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf rakkoolee caalaa gahumsa jirutti dhimma bahuuf caalaatti carraaquu akka gaafatu ibsaniiru.

Adawaan 2ffaa akka kabajamuuf waloomaan cimanii hojjachuufi diina fedhii guddachuu lammiilee Itoophiyaa danquuf aggaammii garaa garaa taasisurraa of eeguun murteessaa ta’uus dubbataniiru.
Itoophiyaan biyya abdiin guutamteefi badhaadhina karoorsite galmaan geessu ta’uu kaasuun diinota hojii gaarii kanarraa ishee maqsuuf socho’an harcaaasuuf duubatti kan hin jenne ta’uu yaadachiisaniiru.
Guyyaa heerri FDRI itti ragga’e Sadaasni 29, mata-duree “Waliigaltee Dimookiraatawaa, Tokkummaa Sabdaneessummaaf” jedhuun Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa, Magaalaa Hosaa’inaatti sirna ho’aan kabajamaa jira.
Malkaamuu Abbabaatu gabaase