Mariin kutaalee hawaasa Indastirii Oomishaarratti bobba’an hirmaachise Mata duree “Indastiriin Oomishaa Guddina Biyyaaf” jedhuun Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti taa’amaa jira.
Kantiibaa Itti Aanaafi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay ergaa maricharratti dabarsaniin, dameen Indastirii Oomishaa Magaalattiifi biyyaa milkaa’aa akka tahuuf, bu’uraalee misoomaa barbaachisu maraa guutuun murteessaa tahuu dubbataniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Alamaayyoo Miijanaa gamasaaniin, Guddina biyya tokkoof Indastiriin Oomishaa shoora olaanaa kan qabu tahuu dubbataniiru.
Oomishtoonni kallattii hedduun diinagdee biyyaa keessatti qooda guddaa bahachaa jiraachuu kan ibsan Obbo Alamaayyoon, keessumaa Oomishaalee alaa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuun, baasii sharafa biyya alaa hambisuufi Carraa Hojii Uumuu keessatti gahee olaanaa kan gumaachu tahuu himaniiru.
Mootummaan Damee Industirii Oomishaa kana cimsuufi damichi sadarkaa barbaadamutti bu’aa akka buusuuf deeggarsa cimaa taasiseen milkaa’inni guddaan argamuus ibsaniiru.
Bu’uraalee Misoomaa kanneen guutuuf, Hoggantoonni Seektara Bishaanii, Daandiifi kanneen biroo marii kanarratti hirmaataniiru.
Mahaammad Toofiqtu gabaase