AMN PLUS -Mudde 8/ 2018
Pilaastika gatame funaanuun qarshii Kuma 30’n hojii eegaluun amma Miliyoona 2 ol horachuu akka danda’e Dura Taa’aan Waldaa Roorrisaa Mabraatuufi Hiriyoota isaa ibseera.
Dargaggoo Mabraatuu Mulugeetaa AMN PLUS Qophii Carraaqataa irratti “Hojiin yoo gadi jedhanii hojjetan nama jijjiira” jedheera.
Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti namoota 5 ta’anii gurmaa’uun “Waldaa Roorrisaa Mabraatuufi Hiriyoota isaa” jedhuun balfa namni gatu mandara irra deemanii sassaabuun amma abbaa qabeenyaa akka ta’an himeera.

Hojichaan bu’aa guddaa akka argatan ibsuun, ofirra darbuun namoota biroof carraa hojii akka uuman kaaseera.
Dargaggoonni kunnneen Pilaastika faayidaa irra oolee akka balfaatti gatame adda baasuun erga qulqullaa’ee booda gara indastiriitti akka ergan dubbateera.
”Akka nama waa kadhatutti ilaalamaa turre” kan jedhu Mabraatuun, “nuti garuu qaanii tokko malee waggoota lamaaf qe’ee namaa keessa deemnee ‘quraaliyoo’ jennee pilaastika funaanaa turre” jedheera.
Yeroo pilaastika funaanaa turanitti akka hattuutti ilaalamuun yaalii reebichaa fi rakkina hedduu dabarsuu kan dubbatu Mabraatuun, “har’a hiriyoonni koo baay’een hojicha naaf tuffataa turan hojii malee taa’aa jiru” jechuun dubbateera.

Hojichi gama tokkoon balfa kaasuun naannoo ofii qulqulluu taasisuuf yoo fayyadu gama biraan ammoo maallaqni argamu ammoo madda galii akka ta’e ibseera.
Mootummaanis bakka hojii mijeessuufi walitti hidhamiinsa gabaa uumuun deggersa taasisuusaa himeera. Pilaastikiiwwwan walitti qabaman kana kiiloodhaan kan gurguran yoo ta’u warshaalee hedduuf akka raabsan ibseera.
Dabalataan, “Kanaan dura daandiirra iddoowwan adda addaa oliif gadi joorree qodaa waliin bakkee bulla” kan jedhu miseensi waldichaa Marshaayee Mulugeetaa, “amma garuu mana jireenyaas, bakka qodaa ol kaawwannus qabna” jedha.

”Xiqqaarraa gara guddaatti waan deemamuuf hojiin hojii caalu anaaf hin jiru” jedha dargaggoo Marshaayeen
Dargaggoonni taa’anii hojii dhabne jechuu dhiisanii hojii kamiyyuu hojjechuu akka qaban ergaa dabarsuun, gara fuulduraatti ammoo gara warshaatti guddachuuf tattaafachaa akka jiran Mulugeetaan dubbateera.
Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e