Dhaabbanni Badhaasa Dhaabbilee fi Hooggansaa Giraandi Afrikaa badhaasa marsaa 20ffaa dhaabbilee fi hoggantoota Itoophiyaa keessatti dameewwan misoomaa adda addaatiin ga’umsa olaanaa agarsiisaniif Boru beekamtii akka kennu beeksise.
Badhaasni kun dhaabbilee fi hoggantoota adda durummaan Itoophiyaa keessatti damee maanufaakchariingii fi tajaajilaa irratti bobba’anii fi hojii biyyaafi ummata fayyadu hojjetaniif beekamtii kan kennu akka ta’e ibsameera.
Pirezidaantii fi Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Obbo Girmaa Baqqalaa AMN Dijitaalif akka himanitti badhaafamtotni ulaagaalee ciccimoo dhaabbatichi kaa’e irratti hundaa’uun akka filataman ibsaniiru.

Sagantaan beekamtii kunis dhaabbilee fi hoggantoonni sadarkaa addunyaatti dorgomaa fi fudhatama akka argataniif akkasumas oomishaalee fi tajaajiloota qulqullina qaban akka dhiyeessanif kan jajjabeessuu ta’uu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan kun ibsaniiru.
Oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf (Import Substitution) badhaasni kun gumaacha akka qabus Obbo Girmaan dubbataniiru.
Sagantaa kana irratti Pirezidaantiin FDRI duraanii Mulaatuu Tashoomaa (PhD), Ministironni, namoonni beekamooniifi keessummoonni affeeraman akka argaman Hogganaan Damee Badhaasaa fi Madaallii dhaabbatichaa Mallasaa Makaashaa (PhD) ibsaniiru.
Sagantaan badhaasaa kun guyyaa boruu Muddee 12 bara 2018 kan gaggeeffamu yoo ta’u, Addis Miidiyaa Networki tamsaasa kallattiin hofdoftoota biran akka gahus beekameera.
Helen Tasfaayeetu gabaase.