Bara 2036 guddinni diinagdee Itoophiyaa, Afriikaa irraa kan jalqaba ta’a – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Bara 2036 guddinni diinagdee Itoophiyaa, Afriikaa irraa kan jalqaba ta’a – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS-Mudde 12/2018

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) bara 2036tti diinagdeen guddichi Afrikaa, kan Itoophiyaa akka ta’uu akeekan.

‎”Yaadni kun yoo ibsamu namoota baay’eetti shakkii uumuus, waan karoorsine galmaan gahuun agarsiisa turrees jedhaniiru” Dooktar Abiyyi

Galmi kun Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030tiin akka utubamu himan.

‎Kanaaf agarsiistuun, karoora dijitaalaa 2025tiin Itoophiyaa keessatti karaa teelee birriitiin namoota miliyoona 55 ta’an tajaajila argachaa akka jiran ibsaniiru.

‎”Fakkeenyi inni biraa waraaqaa eenyuummaa Faayidaati” kan jedhan Dooktar Abiyyi , “waggaa shanan har’aa namni kudhan eenyumneessaa dijitaalaa kan hin qabne har’a garuu namoota miliyoona 30tu qaba yoo jedhamu waan aja’ibaati” jedhaniiru

Koodaroota miliyoona shan Itoophiyaa keessatti uumuuf akkasumas Kalaqaafi dandeetti irratti invast gochuuf karoora qabameen haga ammatti miliyoona lama milkeessuun waan dinqisiisaa ta’uu eeran.

‎”Waggoota lamaafi sadeen dhufanitti karoora koodarsii miliyoona shanii kan milkeessinu yoo ta’ee , baay’ina uummata biyyoota afrikaa %100 namoota dijitaalan waa hojjechuu danda’an ni uumna” jedhaniiru.

‎”Kanaaf Afrikaa keessaa 1ffaa ni taana yoon jedhu waan borii irratti invasti gochuuni” jedhaniiru Dooktar Abiyyi

‎Qindoomnee hojjechuun Itoophiyaa hiyyummaafi rakkina keessaa baasuuf akkasumas bifa ishee ijaaruuf hojjennee namoota seenaan beekamnu ta’uuf yaadama Ida’amuutiin biyyaa keenya haa misoomsinuun dhaamsa Ministira Muummee Dooktor Abiyyi Ahimadi.

Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply