‎”Mogor Tuulama naannawaa Salaaleetiif mallattoo diddaati” Barreessaa Olaanaa Damee

You are currently viewing ‎”Mogor Tuulama naannawaa Salaaleetiif mallattoo diddaati” Barreessaa Olaanaa Damee
  • Post category:Seenaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS – Mudde 13/2018

‎Seenaa goototaa keessatti lafti isaan madheeffatanii, gaafa sochiin isaan dhibe umurii isaaniif umurii diddaa isaanii dheereffachuuf keessa socho’an Mogor akka ta’e Barreessaafi Barsiisaa Olaanaa Damee hime.

‎”Mogor Tuulamaa naannawaa Salaaleetiif mallattoo diddaati” jedhe turtii AMN PLUS Qophii Kaaribuu waliin taasiseen.

‎Kitaaba “Olmaa Mogor” qabiyyeen isaa Seenaa gootummaa Agarii Tulluufi Badhaadhaa Dilgaasaa irratti xiyyeeffate kan barreesse Olaanaa Damee Mogor oolmaa gootota sana hunda waan naa yaadatuuf Maqaa kitaabakootii “Oolmaa Mogor” jedhee katabe jedhe.

‎Olaanaan naannoo Mogor bakka itti dhalatee gudate kanatti afoolaafi argaa dhageettii maatii irraa seenaa dhaga’aa guddachuunii fi Barsiisaa seenaa ta’uun isaa  kitaaba kana barreessuuf akka  isa kakkase dubbateera.

‎”Mogor gaafa jedhani goototu yaadatama, qorqalbiin namoota seenaa sana beekaniis ni gammada” jedhe

‎Badhaadhaa Dilgaasaa ijoolummaakoo irraa kaaseen yeroo isaan mootummaa yeroo sana ture waliin lola gaggeessan argaa turuu dubbata.

‎Warra Jaarraa tokkoof wal dhabe kitaabnikoo walitti fide wal argan jechuun kan eere yoo ta’u, Cunqursaa sirna yeroo sanaan karaa baddaa salaalee asii buqqa’ee namni Aarsiifi Baalee deemuu himeera.

‎”Baalewoo Baleewo Karan Baanewo koodiyye baanewo  addaan  …. Kan jedhu, sirbichi seenaa dhugaa  yeroo warri salaalee daa’ima baatanii horii ooffatanii hanga ji’a 3 deemanii Baaleetti galaa turan sana akka ibsu dubbateera.

Eebbaa kitaaba isaa  irrattis Solomoon Agarii Tulluu fi maatii isaa, akkasumas hiriyotaafi michuuwaan Badhaadhaa Dilgaasaa waggaa 20 booda biyyatti warra hin deebine wal arganii akka jiran himeera.

‎”Kitaabni Oolmaa Mogor maatii adda facaa’anii jiran wal agarsuun milkaa’eera” jedhe Barreessaa Olaanaa Damee.

‎Seenaa gootota kaleessaa barreessuun dhaloota ammaa gootummaan itti fufsiisuudha jechuun, gootummaan garuu bara fakkaatti malee kaleessa hin fakkaatu, kaleessa gootonni sabni sun maal keessa jira jedhuun cunqursaa yeroo sanaaf bosona seenanii falmaa turan jedhe.

‎Har’a garuu filannoon gootummaa baay’eedha jedhee, diinagdee gabaa Addunyaa keessa galuu dadhabuu ofii cimanii dhaloota  baasanii argamuun gootummaadha jedhe.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply