Itoophiyaan Yaa’iwwan Gamtaa Afrikaa fi Yaa’ii Afrikaa-Itaalii keessummeessuuf qophii xumurteetti- Ministeericha

You are currently viewing Itoophiyaan Yaa’iwwan Gamtaa Afrikaa fi Yaa’ii Afrikaa-Itaalii keessummeessuuf qophii xumurteetti- Ministeericha

AMN PLUS- Amajjii 28/ 2018

Itoophiyaan Yaa’iwwan Gamtaa Afrikaa fi Yaa’ii Xaaliyaanii-Afrikaa keessummeessuuf qophii xumuruu Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa beeksise.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsa Miidiyaaleef kennaniin biyyattiin keessummoota yaa’ii kanaaf dhufan simachuuf qophii barbaachisu xumuramuu isaa himaniiru.

Yaa’iwwan kanneen irratti Itoophiyaan dhimmoota faayidaa biyyaalessaa kan ibsitu yoo ta’u, jijjiirama roga maraan fidaa jirtu irratti muuxannoo biyyoota Afrikaa biroof qooduun akkasumas yaa’iwwan kanneen cinaatti mariiwwan gam-lamee dhimmoota garaagaraa irratti ministeerota biyyoota addaa addaa waliin akka taaasistus ibsameera.

Jijjiiramoota ashaaraa magariisummaan dhufe, jijjiirama gama diinagdeettiin jiru, maqaa gaarii biyyaattin qabdu kan beeksifamu yoo ta’u, yaa’ii kana irraa ammoo gama dippiloomaasii diinagdee fi tuurizimii irraa bu’aa guddaa Itoophiyaan argattu akka ta’es ibsameera.

Keessummoota yaa’ii kanneen irratti hirmaachuuf dhufan simachuuf dargaggootni 179 ta’an tola ooltummaan tajaajila kennuuf leenjii fudhatanii akka qophaa’an Ambaasaaddar Nabiyaat himaniiru.

Lammiileen hunduu maqaa gaarii biyyaa tiksuufi aadaa keessummaa simachuu agarsiisuu akka qaban kan himan Ambaasaaddar Nabiyaat, jiraattotni Magaalaa Finfinnees deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaan Gurraandhala 7-9tti kan adeemsifamu yoo ta’u, kan Yaa’iin Ministeerota biyyoota Afrikaa 48ffaan ammoo Gurraandhala 3 fi 5 akka gaggeeffamu Ambaasaaddar Nabiyaat ibsaniiru.

Yaa’iin Afrikaa-Itaalii marsaa 2ffaan ammoo Gurraandhala 6 bara 2018 akka taasifamu ibsameera.

Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply