‎Faayidaan biyyaalessaa garee, yeroofi dhalootaan hin daangeffamu- Obbo Kabbadaa Deessisaa

You are currently viewing ‎Faayidaan biyyaalessaa garee, yeroofi dhalootaan hin daangeffamu- Obbo Kabbadaa Deessisaa

‎AMN PLUS-Mudde 17/2018

‎Faayidaan biyyaalessaa garee, yeroofi dhalootaan daangeffamuu akka hin dandeenye Deetaan Ministiraa Tajaajila Komunikeeshinii Federaalaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsan.

‎Obbo Kabbadaan Gumii Balal marsaa 48ffaa irratti miidiyaaleen dantaa biyyaalessaa kabachiisuuf cimanii hojjachuu akka qaban kaasuun dhimmoota ijoo xiyyeeffannoon hojjachuu qabanis tarreessaniiru.

‎Nageenyi biyyaalessaa waan dursi kennamuufii qabu ta’uu eeruun nageenya keessoofi ollaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

‎Waliigaltee tumsaa badhaadhina diinagdee irratti taasifamu ifatti mul’isuun agarsiisuu akka qabanis kaasaniiru.

‎Dhimmi ijoo 3ffaan kabaja biyyyaalessaa, maqaa gaarii, dhageettiifi gahee Itoophiyaan biyyoota biroo keessatti qabdu ifatti baasuu yoo ta’u, 4ffaan kunuunsa aadaa, Afaaniifi eenyummaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota jabeessuu akka ta’e Obbo Kabbadaan ibsaniiru.

‎Miidiyaaleen wal hubannaa uumuufi tokkummaa ijaaruuf hojjechuu akka qaban Looreetiin Gaazexeessummaa Amaanu’eel Abdiisaa ibsaniiru.

‎Miidiyaan meeshaa dhiibbaa guddaa qabuufi humna jijjiirama uumuu danda’u ta’uu eeruun biyyootni baay’een kana irraa ka’uun miidiyaa hundeeffatanii dhiibbaa uumaa akka jiran himaniiru.

‎Keessattuu guddinni miidiyaalee dijitaalaas jijjiirama bal’aa fidaa akka jiru ibsuun, dhiibbaan alaa jijjiirama miidiyaa dijiitaalaan dantaa biyyaalessaa irratti dhufu eeguunis barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.

‎Geetaahun Katamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply