Kanamaan kan hundaa’e namootni galii gadi aanaa qaban akka tajaajilamaniifi – Obbo Sayifee Damissee‎

You are currently viewing Kanamaan kan hundaa’e namootni galii gadi aanaa qaban akka tajaajilamaniifi – Obbo Sayifee Damissee‎

AMN PLUS- Mudde 17/2018

‎Dhiyeessii qorichaa namoota galii gadi aanaa qabaniif tajaajila kennuuf Faarmaasiin Kanamaa akka hundaa’e Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Faarmaasii Kanamaa Obbo Sayifee Damissee ibsan.


‎Faarmaasiin Kanamaan bara 1975tti giddugala gabaa biyyaalessaa Markaatootti tokko jedhee hojii kan eegale deemsa waggoota dheeraa booda yeroo ammaa kana damee 53 irra akka gahe himaniiru.

‎”Namni waa’ee Faarmaasii yoo yaadu dawaa qofa se’a” kan jedhan Obbo Sayifeen, “Kanamaa keessatti garuu tajaajila hedduutu kennama” jedhaniiru

“Tajaajilli hawaasni har’a barbaadu kan kaleessaan tokko miti” kan jedhan Obbo Sayifeen, “muuxaannoo adda addaa fiduun addunyaa faana deemuun tajaajila keenya guddisuuf hojjechaa jirras” jedhaniiru.


‎Gatiin qorichaa yeroo ammaa dabalamuus uummata humna hin qabneef tajaajila kennuun waan barbaachisuuf deggersa namootaaf taasisuuf Kanamaan kan ijaarame ta’uus kaasaniiru.

‎Kanaan dura qoricha gosoota 900 ta’an dhiyeessaa kan turan yoo ta’u, amma garuu gosoota 1200 ol dhiyeessaa akka jiran AMN PLUS’tti himaniiru.

‎Qorichootas gatii madaalaawaan uummataaf dhiyeessaa kan jiran yoo ta’u, qoricha dhabamuu hin qabnes baay’inaan akka argamuuf irratti hojjechaa jiraachuu Daayirektarri Humna Namaa Faarmaasii Kanamaa Baqqalaa Duudhaa dubbataniiru.


“Damee tokkoon hojii eegale hanga bara dhiyotti dameelee 34 qofa qaba ture” kan jedhan Hoggantuun Itti Aantuun Damee Oppireeshinii Faarmaasii Kanamaa Rawudaa Kadir, bara jijjiiramaa asitti qofa dameewwan 17 dabalamuun amma dameewwan 53 irra gahuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa Faarmaasiin Kanamaa akka haaraatti hojii kan jalqabe ta’uu ibsuun, dhiyeesittoota qorichaa waliin ta’uun dameewwaniif akka kallattumaan raabsus beeksiseera.

‎Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply