Ministeerri Fayyaa iddoowwan sodaan vaayirasii Maarbarg jirutti dirooniin deeggaramuun qorichaa fi talaallii raabsuu eegaluu beeksise.
Ministeerichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Naannoo Kibbaa Itoophiyaa, Aanaa Daassanechitti dirooniin talaallii raabsuu eegalaniiru.
Talaallii vaayirasii Maarbarg waliin gahuun, tamsa’ina dhibichaa ittisuufi lubbuu lammiilee iddoowwan fageenya irratti argamanii baraaruuf karoorfamuu ibsameera.

Kanaanis qorichaafi talaallii konkolaataan yeroo dheeraa fudhatu daqiiqaa muraasa keessatti dhaqqabsiisuun akka danda’ame Ministeerichi beeksiseera.
Dabalataanis, Ministeerri Fayyaa fi Tajaajilli Dhiyeessii Qorichaa bu’aawwan teekinooloojii fayyadamuun weerara dhibeewwanii dursaanii ittisuuf gahumsa isaanii olaanaatti ceesisuu gochaan kan itti agarsiisan tahuu hubatameera.
Gara fuulduraattis, qoricha dirooniin bakka barbaachisaa tahetti qaqqabsiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjatamaa jiraachuu odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul’isa.