Akka Itoophiyaatti iddoon da’oo bineensota magaalaa keessaa (Safari) Finfinneetti hundeeffamuun bu’uuraaleen misoomaa xumuramaa jiraachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
Da’oon bineensota Magaalaa Finfinnee keessatti hundeeffame bal’ina lafa hektaara 16.5 irra kan buufate yoo ta’u, bakka bashannanaa daa’immanii, galma cidhaa namoota 1,800 qabatu, bakkeewwan suuraa misirroowwanii, haroo nam-tolchee yabala ammayyaan imalchiisu qaba.
Haala kanaan da’oo bineensotaa magaalaa keessatti hojjechuun daa’imman waa’ee bineensotaa dhaga’uu caalaa qaaman dhufanii yoo daawwatan salphatti waa’ee uumamaa hubatanii akka guddatan ni gargaras jedhaniiru.

Dabalataanis iddoowwan akkanaa yaa’iinsa tuuristoota biyyaa alaa akka dabaluus kaasaniiru.
Kana malees akka giddugala beekumsaafi qorannoof ta’uutti dhiyeessuunis akka danda’amu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Kanaan dura Magaalaa Finfinnee keessa Dallaan Leencaa akka jiru kan yaadachiisan Aadde Adaanech, da’oo kana keessatti garuu akka Paarkii Bineensotaatti gosoota bineensaa hedduu galchuun namoonni miilaafi konkolaataa Safaariin imalanii akka daawatan taasifamuu Kantiibaa Adaanech Abeebee kaasaniiru.
Magaalaan Finfinnee haala kanaan da’oo bineensota yoo hojjette, magaalotni naannoo ammoo Finfinnee caalaa carraa guddaa akka qabanis dubbataniiru.
Shuumii Badhaasootu qindeesse