Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, sadarkaa Misoomni Qarqara Laggeenii Finfinnee irra ga’e ilaalchisee AMN waliin turtii taasisaniin “Abbaatu magaalaa isaa misoomsa, abbaatu biyya isaa ijaarrata” jedhan.
Qarqarri laggeen Finfinnee ciminaa fi cichoomiina hooggansaa fi jiraattota Finfinneen haaromfamaa jiran sadarkaa ajaa’ibsiisaa irratti akka argaman kan kaasan Kantiibaa Adaanech, yeroo jalqaba Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee miidhagsuu eegalchiisanitti jijjiiramni yaadaa “Kunis ni danda’ama” jedhu akka dhufe kaasaniiru.

Jiraattotni fi hooggantootni Magaalaa Finfinnee abbaa waan ta’aniif gatii kaffalanii magaalaa isaanii misoomsaa fi miidhagfachaa akka jiran kan eeran Kantiibaa Adaanech, hojii misoomaa hojjatameen, “Finfinneen dandeesseetti, Itoophiyaan dandeesseetti” jechuun dubbataniiru.
Qarqara laggeenii 7 hojjatamaa jiranis, miidhagina laggeenii hawwatoo ta’aniin alatti, bu’uuraalee misoomaa garaa garaa kan guutatte akka ta’e kaasaniiru.
Kanaanis daandiin lafoo, tiraakiin fiigichaa, daandiin biskileettiifi riqichootni ajaa’ibsiisoo qalbii namaa harkisan hojjatamuu himaniiru.
Dabalataanis, hojiileen ogummaa harkaa jajjabeessan kanneen akka okkotee fi meeshaalee manaa suphee irraa hojjatamanii, harkoota hojiiwwan harkaa kana hojjatan galateeffachuu, dinqisiifachuufi kabajuuf kan yaadaman ta’uu ibsaniiru.

“Hawaasni yeroo daawwatu ni bashannana, sammuu isaa haareffata akkasumas fayyaa isaa eeggata kan jedhan Kantiibaa Adaanech, carraa naannoo isaa dinqisiifachuu akka isaaf kennu ibsaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa hojjataman namummaa giddu galeessa kan taasifatan ta’uu kan kaasan Aadde Adaanech, bakka daa’imman itti taphatan, iddoo dargaggootni ispoortii itti hojjatan, namootni aara galfatan akkasumas bu’uuraaleen misoomaa biroo kan guutamaniif ta’uu himaniiru.
Misooma Magariisaa jajjabeessuuf bakka konkolaataawwan elektirikaa chaarjii itti guuttatanii fi bakki dhaabbii konkolaataa mijachuu illee ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e