Maanchistar Yunaayitid Maanchistar Siitii keessummeessee olaantummaa taphaa waliin goolii 2-0’n injifate.
Taphicha irratti Mbuumoo, Doorguun gooliiwwan injifannoo lakkoofsisaniiru.
Maayikil Kaarik tapha kana dursuun, waan Ruuben Amoorim dadhabe sirreessuuf akka dhufe dubbatee ture.
Tapha cimaa eegamaa ture kanas boqonnaa dura 0-0 qixa bahanii erga deebi’anii Kaarik olaantummaa taaktikaa Gaardiyoolaa irratti fudhateen gooliiwwan 2 argachuu danda’eera.
Peep Joseef Gaardiyollaa leenjisaan Siitii Ferguseen xiqqicha Kaarikiin olaantummaa magaalaa Maanchistar irraa fudhatameen waaree salphina dhaabachuuf dirqamaniiru.
Hawaasni ispoortii idil addunyaa tilmaama injifannoo Siitiif kennus Yuunaayitid du’aan isaa du’aa Kanniisaa tahuu mirkaneessera.Ciisee hiddee injifannoo gonfateera.
Injifannoon Maanchistar Yuunaayitid Maanchuriyaan darbiin galmeesse deeggartoota Arseenaalifillee bara kana seenaa taatee galmaa’u malti.
Iddoosaa Abdiitiin