Misoomni Kooridarii baadiyyaa jireenya qonnaafi horsiisee bultootaa jijjiiruu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad (PhD).
Dooktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaa Aanaa Gurra Fardaatti Kooridarii Moodela Baadiyyaa Waajjira Ministira Muummeefi dhaabbilee waamamtootaan ijaarame daawwanneerra jedhan.
Manneen moodelaa baadiyyaa kunneen tokkoon tokkoon isaanii diinqa, gorduubaa, kutaa beelladootaafi manneen fincaanii alaa kan qaban; manneen ammayyaa kudhan kan hammatan ta’uu eeran.
Manneen kunneen sarara elektirikiin kan walitti hidhamaniifi diishii saatalaayitiis kan qaban ta’uu ibsan.
Mooraan manneen kanneenii iddoo horsiisa lukkuu, dallaa loonii, gaagurawwan akkasumas iddoo oomisha kuduraafi muduraa kan qabu ta’uus ibsaniiru.
Hojiin misooma kooriidarii baadiyyaa anniisaa aduu, baayoogaazii fi hojiilee misoomaa biroo fayyadamuun hojjetame kun hawaasaaf haala jireenyaa fooyya’aa, ammayyaa, fayyaa qabeessaafi qulqulluu kan uumu ta’uu eeraniiru.
Hojiin jijjiiramaa kun damee hundaan akka babal’atuuf hundi gaheessaa bahachuu qaba jedhan.