Ayyaana Cuuphaa bakka qulqulluutti, daandii qulqulla’aa fi magaalaa qulqulluu keessatti kabajuun ulfina Ayyaanichaaf maluudha- Inj. Wandimmuu Seettaa

You are currently viewing Ayyaana Cuuphaa bakka qulqulluutti, daandii qulqulla’aa fi magaalaa qulqulluu keessatti kabajuun ulfina Ayyaanichaaf maluudha- Inj. Wandimmuu Seettaa

Amajjii 9, 2018-AMN PLUS

Jalabultii Ayyaana Kataraa fi Cuuphaaf bakka Taaboonni buluu fi Ayyaanichi itti kabajamu duulaan qulqullaa’e.

Sirnicha irratti abbootiin amantaa, hoggantoonni olaanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee, abbootiin gadaa fi haadholiin siinqee akkasumas hojjattoonni Ejensii Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee hirmaataniiru.

Sagantaan duula qulqullinaa kun mata-duree “Walooma fi Obolummaa Miidhagina Cuuphaaf” jedhuun gaggeeffameera.

Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti, Hoji-gaggeessaa Olaanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Wandiimuu Seettaa “Ayyaana kana bakka qulqulluutti, daandii qulqulla’aa fi magaalaa qulqulluu keessatti kabajuun ulfina Ayyaanichaaf maluudha” jedhan.

Barreessaa Olaanaa Gumii Manneen Amantaa Magaalaa Finfinnee Soortuu Taammiraat Abagaaz gama isaaniin “Waloomaa, obbolummaa fi tokkummaa keenya cimsuuf duulli qulqullinaa har’aa kun fakkeenya guddaadha” jedhan.

Qulqullina, miidhaginaa fi kunuunsa naannoo aadaa godhachuu akka qabnuufis waamicha taasisaniiru.

Mana Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaatti, Hoji-gaggeessaa Olaanaa Kutaa Lallaba biyyaa Finfinnee

Malaaka Mihirat Qomoos Abbaa Gabramadiin Nuguseen haasaa taasisaniin qulqullinni hojii guddaa fi dhimma sammuu ofii irraa ka’u ta’uu himan.

“Ayyaanni kun Ayyaana gad-of deebisuuti waan ta’eef gad-of qabuun qullqillinaaf dhufuun keessan fakkeenya Kiristoos kan agarsiisuudhas” jedhaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa hambaa biyya keenyaa qofa osoo hin taane kan addunyaas waan ta’eef kunuunsuu fi eeguun dirqama lammiilee biyya kanaafi dhaabilee amantaa hundaa ta’uu dureewwan Abbootii Amantaa Islaamaa fi Warra Wangeelaa Sagantaa duula qulqullinaa kana irratti argaman dubbataniiru.

Bayyanaa Taaddasaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply