Senegaal shaampiyoonaa Afriikaa taate

You are currently viewing Senegaal shaampiyoonaa Afriikaa taate

AMN PLUS – Amajjii 11/2018

Senegaal Morookoo 1-0’n injifachuun seenaashee keessatti yeroo 2ffaaf Waancaa Afriikaa kaaste.

Qopheessituun Waltajjichaa Morookoon peenaalitii walfalmisiisaa daqiiqaa xumuraatti argatte Biraahim Diyaaz osoo hin fayyadamin hafe.

Gama Senegaaliin Paappee Guyeen yeroon taphaa daqiiqaa 90 idileen dhumee daqiiqaa 30 dabalame keessaa, daqiiqaa 94ffaa irratti lakkoofsiseera.

Senegaal bara 2021 yeroo jalqabaaf kan injifatte yoo ta’u, waggaa 4 keessatti yeroo 2ffaaf milkeessiteetti.

Senegaal bara 2019, 2021 fi bara kana xumuraaf gahuun Waancaa Afriikaa 4 keessaa yeroo sadiif xumuraaf dhaqqabdee yeroo lama injifatte.

Saadiyoo Maaneen biyyasaa waliin Waancaa Afriikaa lama injifachuun seenaa katabeera.

Taphataan Senegaal Saadiyoo Maaneen Taphataa Cimaa Waancaa Afriikaa 2025 jedhamuun badhaafame.

Senegaal Morookoo 1-0’n injifachuun seenaashee keessatti yeroo 2ffaaf Waancaa Afriikaa kaaste lamaan, Saadiyoo Maaneen waliin injifateera.

Biraahiim Diyaaz goolii 5’n Kophee Warqee injifateera. Karra eegaan Morookoo Yaasiin Boonoo badhaasa Karra Eegaa Cimaa yoo badhaafamu, Gareen Biyyaalessaa Morookoo Amala Gaariin badhaafameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply