Kantiibaa Adaanech Abeebeen Ayyaana Cuuphaa Sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen Ayyaana Cuuphaa Sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

AMN PLUS – Amajjii 10/2018

Guutummaan Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee Akka Itti aanutti Dhiyaateera

==================

Baga ayyaana cuuphaa gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe nu gahe!

Kisristaanota biratti Cuuphaan, mul’istuu ifatti bahuu, araaraa fi irra deebiin dhalachuuti.

Ayyaanota addabaabaayii biyya keenyaa bifa miidhagaan kabajaman keessaa tokko kan ta’e ayyanni Cuuphaa duudhaaleen ajaa’ibaa amantaa fi aadaa guddatanii kan itti mul’atan ta’uun alatti, hambaa hin tuqamamne addunyaatti kan galmaa’e, turistoonni biyya alaa hedduun kan irratti hirmaatan, fuula gaarii biyya keenyaa addunyaaf ayyaana beeksisuudha.

Ayyana miidhagaa fi ho’aa kana sirnoota addaa amantaa dabalatee aadaa keenya, afaanota keenya, faaruulee keenya, tokkummaa sab-daneessummaa keenyaa, addabaabaayitti kan itti mul’isnu waan ta’eef aadaa gaarummaa fi keessummaa simachuu Itoophiyummaatiin duudhaafii sirna amantaasaa eeguun kabajuun caalaatti biyya keenya addunyaaf ittiin ni beeksifna.

Ayyaanichi kan nagaa, kan jaalalaa fi waloomaa akka ta’un hawwa.

Ayyaana Gaarii!

Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply