Mararaa Mulaatuu:- Finfinneetti daandii biskileetii babal’ate fayyadamuun, dargaggoo hojii ‘Pedal Fly’ jedhamu hundeesse

You are currently viewing Mararaa Mulaatuu:- Finfinneetti daandii biskileetii babal’ate fayyadamuun, dargaggoo hojii ‘Pedal Fly’ jedhamu hundeesse

AMN PLUS- Amajjii 20/2018

Mararaa Mulaatuu jedhama. Dargaggoon kun biyya Hindiitti digirii isaa jalqabaa dhiyeenyatti xumuree dhufe. Sababaan biyya alaatti barateef taa’ee hojii eeguuf tasa hin yaadne. Hojii waajjira keessaa miindaa fooyya’aa isaaf argamsiisuuf dorgomuuf illee fedhii hin qabaanne.

Sana irra waan Hindiitti arge, muuxannoo addunyaa irraas qorate adda baasuu eegale. Magaalaan Finfinnee haala amma jirtuun carraa hojii isaaf mijeessuuf dandeessu adda baase. Hiriyoota isaa waliin gadi taa’ee mari’ate. Yaada tokkotu dhufeef.

Innis Misooma Kooriidariin daandiiwwan biskileettiif hojjataman akkamiin teekinooloojiin deggeruun hojiiitti galchu isa jedhu ture.

Itti yaaduun yeroo dheeraa hin dabarsine, mariin maatii fi hiriyoota waliinii milkaa’ee, teekinooloojiin dijitaalaa “Pedal Fly” hojii irra oole.

Kunoo Teekinooloojiin applikeeshinii ‘Pedal Fly’ bakka Magganaanyaa jedhamuun beekamuu hamma CMC fi Hayaat jedhamuun waamamaniitti maamiltoota biskileetii daandii saayikilii ykn ‘Bike Lane’ irra balaliisa.

Sababa misooma kooriidariin daandiin biskileetii magaalaa Finfinnneetti waan babal’ateef carraa hojii uumame keessaa kun tokko.

Daandii biskileetii fayyadamuun imala saffisiisuu hojii dhaquu hojiidhaa galuun baratamaa dhufeera.

Mararaa Mulaatuu carraan hojii ofumaan uummate ‘pedal fly’n faalama qilleensaa ittisuuf gahee olaanaa akka qabu AMN PLUS’tti himeera.

Carraan hojii biskileettii mala teekinooloojiitti fayyadamuun kireessuu kun Shamarree Dibooraa Faasiliif buddeena baasuu ibsiti.

Dibooraan kanaan dura Finfinnee keessatti sababaa dhiphina daandiifi haalli hin mijanneef biskileettiidhaan deemuun Carraa guddaa kan ta’eef biskileettii dhaan deemuun baay’ee hin baratamne garuu isa wal barsiisaa jiraachuu kaasti.

Amma akkuma magaalota gurguddoo addunyaa biraa keessatti biskileettiin imaluun aadaa ta’aa dhufeera.

Daandiin kooriidarii yoo hojjatamu bike lane ykn karaan saayikilii hojjatamuun carraa hojii mijeessuu ibsiteetti

Dargaggootni lamaanuu hojii kana irraa galii gaarii argataniin jireenya isaanii akka geggeeffataa jiran dubbatu.

“Dibooraan faayidaan isaa galii madaalawaa argachuu qofaa miti” jetti, namootni biskileettiin imalanii dhimma isaanii ariitiin xumuratanii yoo deebi’an baasii xiqqoo qofaan akka fayyadaman ibsiteetti.

Tajaajilli Taaksii biskileettii kun teekinooloojiin deggeramee waan kennamuuf hojii isaanii salphisuu himaniiru.

Teekinooloojiin deggeramuun isaa ammoo yaaddoo akka hin qabaanne taasisa; ni hatama, ni bada jedhanii dhiphachuun akka hin jirre ibsaniiru.

Teekinooloojii dijitaalaa fayyadamuun namni kireeffatu waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaan applikeeshinii ‘Pedal Fly’ irratti galmeessisa, kaffaltii isaas onlaayinii kaffaluu danda’a.

Namni tokko yoo kireeffachuuF dhufu Faayidaa qabaachuu qaba. Isaan galmaa’ee saayikilii kana fudhatee deema. Teekinoooloojii kanaan fayyadamuun bilbila isaa irraa applikeeshinii ‘pedal fly’ buufachuun bakka ga’ee deebi’uu qabu ga’ee yoo deebi’u hamma kaffaltii applikeeshinii sana irratti galmaa’e kaffalee deema. Ykn bakka imaletti namni irraa fuudhu waan jiruuf kennee deema.

Tajaajilamtootni yeroo isaanii qusachuu irra darbee fayyaa isaaniifillee bu’a qabeessa ta’uu himaniiru.

Li’ul Yilmaasaw yeroo barnoota dhquufi deebi’u akka fayyadamu dubbate. Hiriyoota isaa wajjinis akka bashannanaatti fayyadamuu dubbateera.

Galgala yeroo mana barumssaa ba’u rakkoon taaksii jira jedhee hiriira irratti yeroo isaa hin gubu. Saayikilii qabatee ittiin gara safara isaatti imala malee.

Seeyifa Haayilee ammoo karaan biskileetii banaaa ta’uun salphumatti dhimma waajjiraa isaa xumuratee dafee deebi’uu isaa ibseera. Akka sochii qaamaatti illee ispoortii bareedaa ta’uu kaaseera.

“Tajaajilli kun bakkeewwan misooma koooriidariin daandiin biskileettii kun hojjatame marattuu akka babal’achuu qaba” jechuun carraa hojii uumtotni kunneeniifi tajaajilamtootni dhaamaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply