AMN PLUS – Amajjii 26/2017
Baatiiwwan Jahan darban oomisha kuntaala miiliyoona 900f miiliyoona 99 sassaabamuu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) damee qonnaan wal-qabatee gaaffilee miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kaasaniif ibsaafi deebii kennaniiru.
Seektara qonnaa ammayyeessuun bu’aa barbaadamu eeguun dirqama jedhan.

Dr. Abiyyi ibsaniin mootummaan seektara qonnaa aadaa duraan ture keessaa baasuun bu’a qabeessa taasisuuf carraaqqii hedduu taasisuu ibsuun karoora yoo xiqqaate seektarichi 7.3% akka guddatuuf qabamee hojiitti galameen bu’aan qabatamaan galmaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru.
Seektara qonnaa lafee dugdaa guddina biyyaa taheef mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuus kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad galtee qonnaaf baay’ee murteessaa dhiyeessii xaa’oon wal-qabatee haala amma jiruun Itoophiyaanotaaf yeroo itti aanu abdiin jiraachuu ibsaniiru.

Aadaa Qonnaa biyyatti teeknoloojiin deeggaruun gara induustiriitti ceesisuun wal-qabatee sochiin jiru gaarii tahuu kan ibsanii Dr. Abiy keessattuu sosochii Itoophiyaan haa oomishtuu waggoota muraasaa as hojiitti hiikamaa jiruun imalli qonna gara induustiriitti ceesisuu milkaa’aa jira jedhaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Seektarichi humna namaa hedduun socho’aa jiraachuus ibsa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf kennaniin hubachiisuun ammas garuu dhimmootni waloon hojjennee jijjiirama qabatamaa fiduuf irratti xiyyeeffachuu qabnu hedduu tahuu akka hojimaneetti qabachuu qabna jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin