AMN PLUS- Amajjii 26/2018
Paarlamaa keessatti kana booda sagalee paartii baay’een akka hirmaatu shakkii hin qabu kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi, “Filannoo baranaaf qophiin, leenjiiniifi hordoffiin keenyaas hirmaachisummaa paartiilee dabaluudha” jedhaniiru.
Kana dhugoomsuudhaafis miidiyaaleen paartilee hundaa haala hirmaachisuu danda’uun hojjechuu akka qaban kallattiifi hordoffiinis kan jiraatu ta’uu isaas ibsaniiru.
Filannoon baranaa kunis kan duraanii caalaa hirmaachisaa akka ta’uuf ni hojjetama jedhan Dr. Abiyyi.

Qorannoo gandoota Itoophiyaa kuma 19fi 650 keessatti taasifameen gandoota kuma 19 ol keessatti nageenyi waaraa waan jiruuf filannoon ni adeemsifama kan jedhan Dr. Abiyyi “filannoorratti kan hirmaate ni fayyadamaa kan hin hirmaatiin ammo waggoota shanan itti aanaanif gabbiidhan tura” jedhaniiru.
Nageenyi jiraachuu kan mirkaneessuu guutuu Itoophiyaatti taaboonni kuma 28 ol bahee ala bulee namoonni miliyoonootan lakkaa’aman milkaa’inaan kabajanii galuun kan danda’ame, filannoo saa’atii tokko keessatti adeemsifamu wanni rakkisu tokkollee akka hin jirre Ministirri Muummee ibsaniiru.
Kan miidhamu filannoon adeemsifamee osoo hin hirmaatiin humna hafee malee mootummaa akka hin taanes ibsaniiru.
“Filannoon baranaas hundaa kan caaluu akka ta’ee abdiin qabaa, kan hin galmaa’in galmaa’adha, kan hin murteeffatinis murteeffadhan” dhaamsa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad(PhD)
Shuumii Badhaasootu gabaase